Adeemsa cehumsaa kana keessatti, seeenessa bulchiinsaa haaraya ijaara jettee jarjartee seenessa qabsoo gaafasiin si gahe akka of jalaa hin diigne of eeggannoo cimaa feesisa. Gaaga’ama siyaasaa sirna bulchiinsa Abiy Ahmad mudate keessaa tokko dogongora cehuumsa seenessaa irratti raawwatamee dha. Osoo seenessa bulchiinsaa haaraa lafa hin qabachiisiin, seenessa qabsoo Oromoo diiguuf yaaliin godhe lachuu hanqise. Duulli seenessa qabsoo Oromoo busheessuuf godhame, dallansuu uumuun, mooraan siyaasa Oromoo seenessa diddaatti akka deebitu taasise. Kun ammoo gaaza siyaasaa angoo cimsachuufi tasgabbeessuuf barbaachisu dhabsiise. Angoo cimsachuuf tasgabbii mirkaneessuu dhabuun ammoo seenessa bulchiinsaa lafa qabsiisuu dhoorge. Waggoota afran dabre seenessa diddaafi seenessa sirnaa jidduu jaatanaayuun agarrus mallattoo gaaga’ama seenessaa (crisis of narrative) akka ta’e hubatamuu qaba.
Gorsi ani qabsaa’otaafi hayyoota keenyaaf qabu dubbii cehumsa seenessaa kana qorannaa gahaafi marii gadi fagoon bilcheessaa of eeggannoon hojitti hiikuu qabna kan jedhuudha. Yennaa murni Oromoo aangoo qabatee jirutti seenessa diddaafi farra sirnaa ( anti-state) qofarratti xiyyeeffachuun, akka gaafa murna alagaa irratti qabsoofnuu san hedduu hin tarkaanfachiisu. Bifuma walfakkaatuun, aangoo sirnaa dhuunfanne jennee, osoo seenessa bulchiinsaa sirritti lafa hin qabsiisiin, seenessa qabsoo diiguuf yaaluun, atakaaroofi waldhiitinsa seenessaa mooraa ofitti dhoosuun humna of buusuudha. Kanaafuu tarsiimoofi raawwii cehumsa seenessaa dhawaataan hojitti hiikamuu barbaachisa.
Barruu kana keessatti wanniin jechuu fedhe, seenessa gootaa-gantuu Goobanaan walqabatee dhihaatus of eeggannoon qabuun barbaachisaadha. Sadarkaa amma irra jirutti, seenessa diddaa kan Goobana abaarus lash godhaa, kan isa faarsus itti jirjaruurraa of qusachuun gaariidha! Akkuma jalqaba barruu kanaatti kaayame, qabsoo Oromoo keessatti Goobanni seenessa malee nama dhuunfaa miti. Goobanni namicha dheeraa dhalataa Tuulamaa sana miti. Goobanni yaada seenessa gootaa-gantuu bu’eerreessitoonni seenessa qabsoo Oromoo kalaqanii, qabsoo’anni isaan boodaan dhufan sammuu ummataa keessatti habaqalchaniidha. Seenessa san keessatti bara Minilik irraa kaase hamma Mallasaatti dhalattonni Oromoo mootummoota Itoophiyaa cinaan hiriiranii cunqursaa saba isaanii keessatti hirmaatan cufti goobantoota. Namoota seenessi qabsoo Oromoo goobanoomse kana, seenessa bulchiisaaf fayyada jennee leellisuu yoo feene, haalaafi bifa diigumsa hin uumneen ta’uu mirkaneeffachuu qabna.
Ammaaf kanuman jedha. Guyyoota itti aanan barruulee biroo isiniif maxxansa.
LAFA NAGAYAA OOLAA!
August 4, 2026 267 1