GOOBANAA: Seenessa gootaa- gantuu qabsoo Oromoo keessatti
Tibbana Abiy Ahmad shoora Minilikiifi Goobana Daacee ijaarsa Itoophiyaa ammayyaa keessatti taphatan kaasuun isaa, atakaaroon Goobana walqabatee siyaasaa Oromoo keessatti yeroo yeroon ka'aa ture haaraatti bulluuqseera. Wixinee barreeffama qabsoo sabaa keessatti shoora seenessi gootaa-gantuu (hero-villian narrative) qabu irraatti qopheessee osoon xumuree hin maxxansin dhiise na yaadachiise. Wixineen sun gaafii eessumoo MerMerid Tullu dura naaf dhiheesseratti kan hundaaye ture.
Qabsoon ummanni cunqurfame tokko gita bittaa alagaa jalaa bahuuf taasisu martuu seenessa gootaa-gantuu qabaachuun dirqama. Akeekni seenessa gootaa-gantuu uumuu lammillee saba sanii biratti;
- Gocha sirriifi fokkuu(wrong and right) adda baasanii hubachiisuun, isa sirrii jedhame akka hordofan hamilchiisuun. Kun ammoo qabsaa'onni, isa goota jedhame akka fakkeenyaatti hordofuun aarsaaf of akka qopheeessan, isa gantuu jibbanii faana isaa hordofuu akka lagatan dandeeessisa.
- Waldura dhaabbannaa 'mooraa qabsoo' fi mooraa diinaa jiddutti godhamtutti, kan gamas gore busheessuun kan as gore dhaadhessuun, dhiibaa xiinsammuufi hawaasummaatiin gamas goruu hirdhisuuf.
- Seenessa mooraa cinqursitootaa faallessu uumuun, kan sirnichi leellisu busheessaa kan inni abaaru leellisuun, hawaasni gama keetii olola gamasiin akka hin hawwatamne danqaa uumuudhaafi.
Kunneen sababoota ijoo seenessi gootaa-gantuu kalaqamuuf yoo ta'u, mooraan qabsoo ummata kamiituu keessatti waan hojiirra ooluudha. Qabsoon Oromoos gaafuma dhalaturraa seenessa kana kalaqachuun dirqama ture.
Seenessi gootaa-gantuu qaama seenessa waliigalaa(grand narrative) qabsoo bilisummaa ummata cunqurafameeti. Seenessi waliigalaa waan gurguddoo sadi hammata. Kaleessa akkam turre, har’a maaltu nu mudate, boru maal hawwinaa dha. Jechuunis kaleessa ummata bilisaafi kabajamaa turre(glorious past), amma shira alagaan cabnee mirga namummaafi abbaa biyyummaa dhabne(degraded present) fi boru ammoo qabsoo waloo har’a geggeessinuun guddummaa keenya kaleessaa san caalu deeffannee goonfannaadha(utopian future).
Maarree seenissi waliigalaa guddinni saba sanii kan kaleessaa sun maalifi eenyuun cabeefi, salphina hardhaa muddanne gaafii jettuuf deebii kennuun eegala. Sababa cabaa saniif, jabina alagaa qofa akka sababaatti dhiheessuun gahaa miti. Shiraafi laafinni keessoo qaawwa akka banes akeekuu qaba. Kanaafuu diina alaatiif fuula nama tokkoofi maqaa sirnaa laatu, warra keessoon qaawwa banes gantuutti moggaasee abaaruu qaba. Dabalataanis, seenessii waliigalaa qabsoo sabaa, cabni sun yoom akka raawwatame akeekuun eegala.
Haaluma kanaan, wixineessitoonni(framers) qabsoo Oromoo, daangaan baraa guddina kaleessaafi caba har’aa saba Oromoo, weerara Minilik akka ta’etti kaayan. Kanarraa ka’uun, weeraraafi cunqusaa humna alagaatiif Minilik fuula(face of the external enemy) taasisan. Warra keessoon qaawwa banan ( internal collaborators), ammoo namoota gaafa Minilik kutaalee biyya Oromoo garagaraatiin walwaraanu, gara isaa goran adda baafachuun gantummaa(personification of villain) taasisuu eegalan.
Wanti hubatamuu qabu, namoonni booda seenessa gantummaatiif maqaa isaanii sadarkaa qabsoo sabaatti kaafamee balballoomfame, qabsoon Oromoo bifa waltayaan eegaluu durattuu gosaafi qe’ee isaanii keessatti abaaramaa kan turaniidha. Gosti/ teessumti lafa Minilikiin wal loltee,miseensi ishii ‘gantuu’ hin ta’in hin jiru. Sadarkaa qabsoo sabaatti namoota maqaan tuqamu keessaa Qadiidaa Wandabee, Tukee Maammee, Alii Galmoo faan eeruu dandeenya. Gabaabumatti Goobanaa Daacii warra gara Minilik goree warra ofiitin lole keessaa tokko malee, qofaa isaatii miti jechumaafi.
Namoota lola Minilik waliin godhame keessatti, gosa ofii dhiisanii garas goran keessaa Goobanni maalif adda durummaan tuqama? Sababa lamatu jira. Kan duraa ‘gantoota’ bara sanaa keessatti, Minilikiif tumsa olaanaa, humna Oromoo cabsuu keessatti ammoo balaa hundarra guddaa kan taasisedha. Dabalataanis, mootummaa san keessatti aangoofi beekkamtii olaanaa kan argate waan ta’eefi.
August 4, 2026 155