Soraa Abdataa waggaa 4 dura..Walaloo kana Sooraatu barreesse!🥲 ***… — Obsinaan Arsii — TG.ME

Soraa Abdataa waggaa 4 dura..Walaloo kana Sooraatu barreesse!🥲
***

Akka malee garaa nama nyaatti.

"Yakka maaliin qaba" eeyyee yakka hinqabdu!😭

#Natti_hin_murteessin

ofii koof unkureen
jireenya koof jiraadhaa
gaafan dhabe rafeen
gaafan argadhe nyaadhaa

Ukunkuree bututeen
galee imimaan buusaa
ijikoo imimmaan fixee
darbees dhiiga kuusaa

natti hin murteessinkaa
adaraa yaa namaa
har'as boo'ee boris boo'uun
anaafis naa gamaa

kolfee hin xabadhu
bulee ka'een jooraa
akka namaa boqodhee
uffaadhees yooman kooraa

erbeen koo ciccitee
rakkinaananoo jiraadhaa
ofii xiqqoo nyaadheen
gudahoo siif baadhaa

natti hin murteessinkaa
ilaal imimmaankoo
sitti haa mullatukaa
rakkoof gidiraankoo

as bu'een achi bu'aa
fuulaa gurraacha'ee
namummaakoo gatee
qaamaa cilaatta'ee

qoonqookoo hururseen
mudhii hidhadhee rafaa
ofitti maramee
akka ilmoo bofaa

osoo kaan quufee gatuu
an harcaatuullee dhabaa
natti hin murteessinkaa
an yakka maaliin qabaa.???

....!!!... RIP
July 31, 2026 208