Jireenya abdii malee jiraattee beektaa?
Maaltu abdii nama dhabsiisaa?
Nama dhabuu
Horii dhabuu
Fala dhabuu
Humna dhabuu
Waan uumame wallaaluu
Balaa tasaa
Wantoonni abdii namaa lalisiisan
Haala addunyaa beekuu! Addunyaan keessa jirru tun guyyaa guyyaan jijjiiramti. Akkuma ifni dukkanaan bakka bu‟aa deemu, dukkanni illee yeroo isaa eeggatee, ifaan akka dhaalamu hubachuun barbaachisaadha. Gaafa qanani‟anii jiraatan illee guyyaa biraa akka rakkoofi gadadoon nama muudatu, beekanii yoo dhufes fala faluu nan danda‟a jedhanii of amansiisuudha.
Kana bira darbee addunyaa kanarra wanti hin jijjiiramne jijjjirama mataa isaa ta‟uudha.
Coqorsa A. 📚 @jechama


