Bara tokko abbaatu mucaaf huccuu ayyaanaa bituuf gabaa deeme jedhan. Namichi kun mucaa isaatiin “Huccuun si badhaasun siif bita, gosa kam filatta.” yemmuu jedhuun, mucaan deebisee, “Kan barbaade haa ta‟u, garuu hunduma keessa isa hundarra shaggaa (the best one) naaf biti.” jedheen jedhama.
Eeyyee huccuu gosa barbaade, halluu itti bareede bituu qaba. Garuu kan bitamuu qabu, hunda caalaa shaggaa ta‟uu qaba. Barataa ta‟uu dandeessa, tarree warra jajjabaa hiriiruu qabda. Daldalaa yoo taates, tarree dureeyyii, hojjetaa taatullee tarree warra urjii ta‟anii, loltuu yoo taates loltuu haqaa, konkolaachisaa taatullee isa naamusa qabu, barsiisaa yoo taates isa barataa beekumsaafi ogummaan boruuf qaru ta‟uun sirra jiraata.
📚@jechama

59
8October 30, 2025 10.5K 17