Ammuma (Yoosu) Hojjachuu irraa bu’aa argattan:
Yeroma hojiin tokko fuundura keessanitti bahe hojjachuu jalqabuun irra caalaa isaa hojjachuudha.
Hojii keessan ammuma yoo hojjattan, qabeenyaa fi yeroo keessan qusattu. Sababni isaas, yommuu hojii gara fuunduraatti dabarsitan, hojii sa’aati walakkaatti fixu dandeessan guyyaa guutuu itti gubuu dandeessu, maallaqa kafaluun adabamu dandeessu. Fkn, bishaan, elektirikii yeroo isaatti yoo hin kafalin maaltu ta’aa?
Akkuma hojii keessan ammuma (yoosu) hojjattaniin, humni qaamaa fi sammuu keessanii ni cima. Sababni isaas, hojiin amma hojjatamu ba’aa gara fuunduraatti nama qunnamu namarraa buusa.

50
48
13October 31, 2025 11.6K 10