Hagayya 4/2018
#Marsaa_5ffaa_kutaa_8ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa #8ffaan
Heerri fi Seerri Biyya keenyaa Bilisummaa Qaama Namaatiif Eegumsa akkamii taasisa ?
Yakka Dirqisiisanii gudeeduu jechuun maal jechuudha?
Eenyu irratti yakki kun raawwatama?
Nama gocha dirqisiisanii gudeeduu raawwate irratti tarkaanfii akkamiittu fudhatama?
Sababa yakka dirqisiisanii gudeeduutiin miidhaa akkamiittu qaqqabuu danda’a?
Dubartii gudeedanii gaa’ela yoo waliin raawwatan yakka irraa bilisa ta’uu danda’uu?
Dubartiin takka hiriyaan ishee akka gudeedamtu dhiiraf yoo haala mijeessite seeraan ni gaafatamtii?
Yakki akkanaa akka hin raawwatamne gaheen hawaasaa maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota dirqisiis anii gudeeduun walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)
#Obbo_Zabbanaa_Shibashii ti.
Qophicha dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.
9
4August 10, 2026 5.3K 5