Hayyuu hadiisaa fi Fiqhii Islaamaa
Oromiyaarraa hanga guutuu Adduniyaatti kanneen gumaata hin dagatamne islaamummaaf taasisan keessaa tokko Sheek Muhammad Amiin Al-Hararii hayyuu hadiisaa fi Fiqhii Islaamaati.
=====================================
Sheek Muhaammad Amiin bin Abdullaah Abu Yaassin Al-Hararii hayyuu hadiisa, ogeessa seera islaamaa fi beekaa afaanii lammii Itoophiyaati. Bara 1929 magaalaa Hararitti dhalatanii; Umurii isaanii waggaa jahaatti Qur’aana haffazan, achiis sagantaa ilmii irratti hirmaachuun barnoota Aqiidaa,Fiqhii, Hadiisa fi Afaan Arabiffaa baratani.
Gara Biyya Saud Arabiyaa imaluun Kolleejjii beekamaa Daar Al-Hadiis Al-Khair keessatti barsiisaa tureera. Dabalataanis dhuma umrii isaa Masjiida Guddaa Harama Makkaa keessattis waggaa saddeetiif barsiisaa turaniiru.
Barreeffamoonni (Kitaabonni) isaan maxxansanii hawaasa muslimaaf dhiyeessan 45 kan caalan yoo ta’u, isaan keessaa kanneen beekamoo ta’an Hiikkaa Qur’aanaa jildii (32) keessatti, SharhiiSahiih Muslim jildii (26), akkasumas Sunan Ibn Maajah jildii (26) wolumaa galatti; Tafsiira qur'aanaa, hadiisa, Musxalaha hadiisaa, Nahwii, Sarfii, Balaaghaa, Manxiqa fi Siiraa irratti kitaabota wobii ta'an hedduu barreessanii jiru.
Rabbi Rahmata haa godhuuf!
Muaz Yakub
🥀9⃣9⃣9⃣🥀
Linkiiin Telegraamaa kuni,👇
https://t.me/gorfami999 Jijjiirraa muuxannootiifi beekkumsaa, barnootaa walii raabsuuf kan banameedha!
Kanaafuu share Gochuun Hiriyoota keessaniif qoodaa.
Telegram channel:
Namummaa Qofaan