Nu warra adduunyaa kaaniifuu fala ta'etu of dagatee, of wallaalee cabee wal cabsaa jira ~~~ Kaayyoon nuti gara dachee kanaatti dhufneef Rabbiin gabbaruudhaafi. Qajeelfama kanaan imala taasisnuun beekumsaafi qaroominaan bullukkoo jaahi-lummaa tarsaasnee dachee ibsine, adduunyaa ilmi namaa sanyiifi aangoon, qabeenyaafi firaan wal miidhaa ture kana keessatti walqixxummaa ilmaan namaa labsine, namooma kabachiisne, hongoo cubbuufi cabiinsaa irraa aalama wal'aanne. Gaafa eenyummaa keenya kana dagannu, diigamnee bobaa ormaa jala seenne, wal qoodnee isa nu cabsuuf qofa ofitti nu qabu ofitti qabne. Tokkummaan waadaa dhufneef sana guduunfate hiikameeti obbolummaan diinii obbolummaa sanyiifi lagaatiin bakka bu'e. Kun akka talbaa eeleerraa siyaas-diinagdeefi hawaasummaan, tokkummaafi waloomaan diigee bittimsee gamaaa gamana nu buusuu irra darbee hanga bu'uura amantaa keenyaa jal'isuufi wal gaarreffachuutti nu qaqqabsiise. Dubbii dheeraa dhiifne kan tibbana Sa'uudiitti ta'aa jiru yoo ilaalle, rakkannee biyya rakkina itti salphifachuuf seenneettuu wal salphisne, namooma dagannee, ergama laganne. Kaleessaa yeroo sabaafi akka biraatti atakaaroo isa biraa waliin itti seennu jedhi jabaadhu jechuun gola wal luqqisuufi quncisuu nu liccise. Falaasamni kaayyoo nuti gara dachee kana ittiin dhufne gaarreeffatu diinii si muree biyyooma si qooda, sabaanuu bixixxisa'ee si diiga, sanyiifi ollaa booda maatiifi obbolaanuu si bittimsa. Nuti eenyu, hojiin keenya gaheen nuti as jirruuf maali? Jennee osoo tasgabbiin of gaafannee nuti nu qofaaf osoo hin taane isaan diina keenyaafuu madda nagaati bar. Nagaan nurraa burqu ammoo aalama misoomsa Wallaahii Wabillaahii. © 👇👇👇 #AmarTemam https://t.me/gorfami999 Forwaard gochuun hiriyoota keetif dabarsi Chaanaali kanas join gochuun akka irraa fayyadaman affeerii baarakallahu fik Join 👇👇👇👇👇 https://t.me/gorfami999 https://t.me/gorfami999 https://t.me/gorfami999 ✥┈┈┈┈┈••◉ ❖ ◉●••┈┈┈┈┈✥
TelegramNamummaa QofaanChannel @gorfami999 🥀9⃣9⃣9⃣🥀 Linkiiin Telegraamaa kuni,👇 https://t.me/gorfami999 Jijjiirraa muuxannootiifi beekkumsaa, barnootaa walii raabsuuf kan banameedha! Kanaafuu share …Namummaa Qofaan: post #283 — TG.ME
September 2, 2024 749 3