FOCUS KITTOO FURDISA: post #2483 — TG.ME

FOCUS KITTOO FURDISA📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART16 🔻Du'uu Kiristoos. Hundumaa irra caalaa waanan ofii kootii fudhadhe isinitti dabarsee kenneera; innis caaffanni qulqullaa'oon akka jedhanitti, Kristos cubbuu keenyaaf du'eera; Qorontos Isa Duraa 15:3 Nagaan fi ayyaanni…
3,sassaabamuu Ijolle Israeliif :
Waaqayyo abdii saba isaa lammaffa walitti qabu du'a masihichaa duwwan akka godhu waadaa galeera.
📖dubbisi: Yoh 11:51-53,Isa 40:1-11
4,dhihaachuu ormootaaf:
“Fannoo irratti du'uudhaan gosa lamaanuu akka dhagna tokkootti, Waaqayyotti araarsuudhaaf, ofii isaatiin diinummaa balleesse.”
  — Efe. 2:16
humni kakuutti(covenant)  dabaluu dhiiga qofa keessa Jira ,kanaaf ormootaaf dhiigni Kiristoos dirqama ture.
yaada:raajiiwwan waa'ee dabalamuu ormootaaf dubbatan irra deebi'ee ilaaluu dandeessa?
📖dubbisi:Isa 42:1-9
5,aangoo du'aafi seexanaaf cabsuuf
Ibr.2
du'a isaatiin Seexana isa humna du'aa qabu balleessuudhaaf nama ta'e.
¹⁵ Warra du'a sodaachuudhaan bara isaanii guutuu garbummaa jala jiraatan hundumaa birmaduu baase.
🔎injifatamuun karaa du'aa dhufee kan jijjiramuu karaa du'a injifachuuni .
Iyesus du'uudhaan humna du'aa bittimseera
📖dubbisi:Qol 2:14-15,Rom 5:12-21,1Yoh 3:8.
🚩Du'uu Iyesusin maaltu argame ?
✓Kaayyoowwan Iyesus du'uun qaba ture hundi isaa milka'aniiru.
akkuma armaan olitti kaasnee jaayyoo  hundi raawwateera.
a,Jaalalli Waaqayyo hin mula'ate .
“Nuyi amma illee of-dadhaboo taanee utuu jirruu yeroon yaadame yommuu ga'etti Kristos warra akkuma keenya Waaqayyo irraa fagaatan hundumaaf du'e.”
  — Rom. 5:6
📖dubbisi :1Yoh 3:16,1Yoh 4:10,Yoh 15:13
b,Dhiifamuu cubbuu :
“Yesus irra-daddarbaa keenyaaf du'atti dabarfamee kenname...”
  — Rom. 4:25
gatiin cubbuu keenyaa kaffalmeera!
c,dheekkamsa Waaqayyo jalaa oolle .
“Kanaafis amma nuyi dhiiga isaa isa dhangala'een qajeelota erga taanee, hammam caalaatti isumaan immoo dheekkamsa Waaqayyoo jalaa ooluuf jirra!”
  — Rom. 5:9
dheekkamsii Waaqayyoo altokkoof Isa dhumaaf Kiristoos irratti xumurame !
📖dubbisi:2Qor 5:21,Gal 3:13,Yoh 18:11
d,eebba lammaffa dhalachuu keessa jiru hunduma argannee
“Eebbi Abrahaam argate, karaa Kristos Yesus saba Waaqayyoo warra hin ta'in hundumaaf akka kennamuuf, hafuura isa Waaqayyo abdachiises amantiidhaan akka fudhannuuf Kristos nu fureera.”
  — Gal. 3:14.
🚩Eenyumma Iyesusiifi Du'a isaa
egaa kutaawwan darban keessatti akkuma baranne ,Iyesus eenyummaa mataa isaa danda'e qaba .
✍️du'uun Iyesusiis gargar bahuu akka hin dandeenyeetti eenyummaa isaatti hidhamee Jira.
Iyesus yeroo du'uu eenyuun turee ?
Iyesus yerro du'uu Waaqa guutuu nama guutuu ture.
1,Akka keenya nama ture (fully human nature )
Iyesuus yeroo wanti kun hundi ta'u akka nama Amala namumma qabu gutu tokkotti itti dhagahama ture.
“Yesus itti fufee, "Amma lubbuun koo dhiphatteetti; egaa, 'Yaa abbaa yeroottii kana na oolchi!' jedhu moo ree? Garuu sababiidhuma kanaaf ani immoo gara yerottii ka. 12:27.
utuu nama guutuu hin taanee:
I,nama bakka hin bu'u ture  .
II,du'uu hin danda'u ture .
III,fakkeessituu ta'a ture.
2,Akka Waaqaa, Waaqa ture (Fully divine nature)
📌eenyumman waaqumma kan hin jijjiramnedha.
ulfinni Waaqumma isaa jijjiramuus eenyuummaan isaa ammayyu
waaqa guutuudha.
🔹kana yeroo jennu garuu waaqni du'uu danda'ee jedhaa hin jirru Waaqni namumma isaatii du'e Jenna malee.
“Amma garuu Waaqayyo du'a namummaa ilma isaatiin isin araarsee, warra isaaf qulqullaa'an, warra mudaa hin qabne,warra balleessaa hin qabnes godhee, of dura isin dhaabachiiseera.”
  — Qol. 1:22
utuu Waaqa hin taanee ta'ee:
I,aarsaan Iyesus dhiheessu namoota fayyisuu hin danda'u ture.
II,iddo hundatti hin hojjetu ture.
III,yeroo hundaaf hin ta'u ture .
IV,dheekamsii waaqayyo guutummaan guutuutti fiixaan hin ba'u ture .
✍️Iyesus qaama tokko keessatti Amala lama akka qabuutti Du'a isaarraatti mula'ateera .
🚩Barumsoota soba du'uu Kiristoos irratti:
Docetism:barumsa seexanaaf ka'umaa isaa jaarra 1ffaa godhate .
Iyesus Amala namaa hin qabu kan fakkaatu (wanta dhugaa hin taanee,gaaddiddu (illusion)) malee jedhee barsiisuu dha .
kanammo ergamonni Gooftaa cimsanii mormaniiru .
yaada: ergaan Yohanis inni duraan akkamitti barumsa kanaaf deebii akka keennu ibsu dandeessa?
👍1
August 26, 2026 72 2