FOCUS KITTOO FURDISA: post #2482 — TG.ME

FOCUS KITTOO FURDISA📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART16 🔻Du'uu Kiristoos. Hundumaa irra caalaa waanan ofii kootii fudhadhe isinitti dabarsee kenneera; innis caaffanni qulqullaa'oon akka jedhanitti, Kristos cubbuu keenyaaf du'eera; Qorontos Isa Duraa 15:3 Nagaan fi ayyaanni…
.....📖 Christology Continuous Teaching  #Part16

🔻Du'a Kiristoosa

🔸seensa
seenessa eenyummaa chirtsoos (christology) keessaa du'uun Kiristoos Isa bala'aadhaa Fi handhuura caaffata Qulqulla'aa akka ta'ee ni agarra  .
“Hundumaa irra caalaa waanan ofii kootii fudhadhe isinitti dabarsee kenneera; innis caaffanni qulqullaa'oon akka jedhanitti, Kristos cubbuu keenyaaf du'eera;”
  — 1Qor. 15:3
taateen kunis guddaafii walitti qabaa caaffata hundaa ture .
🚩Dhugaa baatii Du'a Kiristoosiif:
1,macaafa musee :
kun kutaa macaafa isa seerota shanan of keessaa of keessaa qabuu dha.
kana keessaa ragaalee muraasa yoo kaasne:
a,kakuu sanyii dubartitti .
“Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita" jedhe.”
  — Uma. 3:15
✍️diinummaan kun kan yeroo sanaa qofa  osoo hin ta'in sagalee Raajiin karaa qaama tokko innis masihichaan raawwatuudha.
kunis hiddamuu of keessa qabinnis  .
waa'ee
yaada:sababoota Raajiin kun masihichaaf ta'e tarreessu dandeessa?
b,Hoolaa Abrahaamif qophaa'ee.
“Abrahaam deebisee, "Waaqayyo ofii isaatii qalma gubamuu fi hoolaa in arga ayaa ilma ko...Abrahaamis ol ilaalee, kunoo, dugda isaa duubaan korbeessa hoolaa gaanfa isaatiin arangamaa keessatti qabame tokko arge; achumaan dhaqee korbeessicha fuudhee, qooda ilma isaatii qalma gubamu isa in dhi'eesse.”
  — Uma. 22:13
🗒️kakuu haaraa keessatti Iyesus akka hoolaatti kaafamuun fakkaattin kuun waa'ee isaa akka ta'e dhugaa bahameera.
c,holaa faasikaa fi aarsaawwan dhiigaa yeroo  garagaraaf dhiheffamaa turan.
“Kristos hoolaan faasiikaa keenya aarsaa nuuf ta'eera.”
  — 1Qor. 5:7
📍seeneeffamni aarsaa dhiigaa hundi isaanii gaaddiddu Kiristoos turan.Ibr 10:1.
yaada:Ibrota boqonn 9 dubbisee walitti dhufeenya isaa Ibsi dandeessa?
2,macaafota faarfannaa
“qoonqoon koo gogee na awwaara'e, arrabni koos laagaa kootti qabate; atis biyyoo du'aa keessa na ciibsita.”
  — Far. 22:15
📌kitaabonni ogumma kan yeroo sana yoo fakkaatanille ,sagalee Raajiin du'uun masihicha dhageessisaa turaniiruu kanammo Iyesus iyyu ofiisaatiif fayyadameera.
📖dubbisi :Hoe 2:14-37,Hoe 13:35-38
3,Raajota
Raajonni hundinuu karaa ifaa ta'een masihiin saba isaaf dhiphachuf akka jiru dubbataniiru .
“Dibamee kan moosifame tokkos waggaa torba si'a jaatamii lamaa sana booddee firdii malee lafa irraa in balleeffama”
  — Dan. 9:26
raajonni masiihiichi du'uun isaa duwwa osoo hin ta'in yeroo isaa waliin ka'aniiru.
4,dhugaa baatii Iyesus .
Iyesus ofiisaa yeroo gara garaatti akka du'uu Fi kunimmo beekamaa akkanni ta'ee dubbachaa tureera .
““Inni immoo, "Isin gowwoota attamii ti, waan raajonni jedhan hundumaas amanuudhaaf yaadni garaa keessanii attam daagii dha.
Kristos kun kana hundumaa dhiphatee ulfina isaatti akka galu, barbaachisaa hin turre moo ree?' isaaniin jedhe.”
  — Luq. 24:25
5,Dhugaa baatii Ergamootaa .
“Namni kun akka Waaqayyo dur murtoo godhetti, akka yaada isaattis dabarfamee kenname; isin immoo harka, warra seera Waaqayyoo hin eegneetiin, muka irratti fanniftanii isa ajjeeftan.”
  — HoE. 2:23
✍️hubadhuu :ragaan kun iddo namni hundinuu jirutti kan lallabamee Fi kan mormiin tomorrow irratti hin kaaneedha Iyesus namichi naziret ajjeefameera.
6,dhugaa baatii Seenaa.
ragaalee jajjaboo Seenaa keessatti qabnu keessaa  inni tokko Iyesus namni naziret akkanni bara phonxos philaaxos fannifame du'eedha.
Macaafni immo kun hundi  kan ta'uu qabu akka ture nutti hima .
“Haa ta'u iyyuu malee, kana dura, harka dhaloota si'anaa kanatti baay'ee dhiphachuunii fi raawwatee tuffatamuun isaaf in ta'a.”
  — Luq. 17:25
🚩maaliif Iyesus du'uun Isa barbaachise ?
1,kakuu Haaraa dhaabuudhaaf
“Kun dhiiga koo ti, dhiigni kun kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf.”
  — Mat. 26:28
✍️kakuun dhaabachuun dhiigni dhangala'uu. dirqama ture.
yaada :kakuufi dhiiga maaltu walitti akka fidu beektaa?
📖dubbisi:  Ibr 9:15-22,Ba'u 24:1-11
2,Aarsaa cubbu ta'ee namoota hundumaa qulleessuuf.
“Kun dhiiga koo ti... dhiifamuu cubbuu namoota baay'eetiif dhangala'a.”
  — Mat. 26:28
📖dubbisi: Ibr 9:22,Qol 1:19-20,Isa53:10
👍1
August 26, 2026 80 2