Wallagga: Qabata Araaraa Jedhuun Tarkaanfiin Humna Faannoo Irratti Fudhatamu Dhaabsifamaa Jira Jedhan Jiraattonni
FNN. Hagayya 24/2026. Wallaggatti, “qabata araaraa” jedhuun yeroo hunda, yeroo humna finxaalessa Faannoo irratti tarkaanfiin fudhatamuu jalqabu, tarkaanfiin kun dhaabsifamaa jiraachuu jiraattonni himan.
Gidduu kanas, Aanaa Giddaa Ayyaanaatti shirri kun raawwatamaa akka jiru jiraattonni maddeenitti himan.
Jiraattonni akka jedhanitti, nageenyi waaraan naannoo sanatti kan dhufu, humna finxaalessa Faannoo irratti tarkaanfiin jabaan fudhatamee, humni finxaalessaa sun naannoo sanaa yoo qulqullaa’e qofadha.
Kana malees, warra Faannoof dahoo ta’an seeratti dhiheessuu fi meeshaa waraanaa seeraan ala hidhatan irraa hiikuutu fala jedhan.
Kan kanaa achii, “qabata araaraa” jedhuun waanti amma Giddaa Ayyaanaatti taasifamaa jiru roorroo uummata irra bubbulchuu akka ta’e dubbatan.
Kan haleellaa raawwatu humna finxaalessa Faannoo fi deeggartoota isaa ta’uu, kan caasaan mootummaa “araara” jedhee walitti waamu immoo uummata ta’uu namoonni yaada kennan himan.
Akka isaan jedhanitti, mootummaan humna finxaalessa Faannoo Wallagga keessa socho’u waliin hariiroo kan hin qabne yoo ta’e, “qabata araaraa” jedhuun humna sana baraaruu dhiisee, tarkaanfii tibbana fudhachuu jalqabe jabeessee itti fufuu qaba.
Shirri “araara” jedhu rakkoo hawaasaa kan hin furre ta’uu, muuxannoowwan kanaan duraa irraa arguu himan.
Bara 2014, ji’a Caamsaa keessa, Aanaa Jaardagaa Jaartee, bakka addaa Shuulukee jedhamutti, karaa qaama mootummaa fi jaarsolii jedhamaniin uummata walitti qabanii “araara” jedhamuu maddeen yaadachiisan.
Sana booda, baruma sana keessa, Hagayya 28 bara 2014, ummata Aanaa Horroo Bulluq, ganda Bonee Abuunaa keessatti, nama 39 bakka tokkotti fixanii jedhan.
Achii booda, bara 2015, gaafa guyyaa 12 kaasee, uummata Aanaa Jaardagaa Jaartee keessaa nama 200 olitu magaalaa Jaardagaa keessatti humna finxaalessa Faannootiin dhume jedhan.
Aanaalee akka Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, Abee Dongoroo fi Amuruuttis, yeroowwan garaagaraa “qabata araaraa” jedhuun gochaan humna finxaalessa Faannoo baraaruu raawwatamuu ibsanii, humni kun ergasii ofijaaree uummata irratti duguuggaa hamaa raawwachuu himan.
Humni finxaalessa Faannoo naannawaa sana socho’u, yeroo haleellaan humnoota mootummaa Oromiyaatiin itti cimu, dafee maanguddoota gara caasaa mootummaa ergee, “qabata araaraa” jedhuun haleellamuu irraa of baraara jedhan.
Ergasii immoo qophii gahaa taasisanii haleellaa isaaniitti akka deebi’an himan.
Ammas akka kanaan, humni nama keenya ambulaansii waliin gube, bara baraan toftaa “araaraa” jedhuun of baraaruu bare kun, “araara” jedhee maanguddoo ergee caasaan mootummaa uummata walitti qabsiisaa jira jedhan.
Kun yakka Faannoof golgaa ta’uu irraa adda akka hin taane jiraattonni dubbataniiru.