Lammiin Hindii tokko lafee obboleettii isaa Baankii geessuun ijoo dubbii miidiyaalee ta'e.
Taateen tibbana biyya Hindii, naannoo Odishaa, bulchiinsa Nu'apaadaa keessatti mudate qalbii fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa booji'eera.
Namichi kun akka jedhutti, maallaqa herrega obboleettii isaa irra jiru baasuuf gara Baankiitti deddeebi'aa ture. Garuu, qondaaltonni Baankii, “namni herregni kun kan isaa ta’e sun qaamaan dhihaachuu qaba,” jechuun maallaqa kennuufii didan.
Obboleessi ishee kun isheen du’uusheefi inni immoo dhaaltuu ishee ta’uusaa ibsuufis, qondaaltonni sun amanuu diduun ykn qajeelfama baankii jabaa hordofuun dhimma isaa akka hin raawwanneef gabaafameera.
Haala kanaan abdii kan kutate namichi kun, dhumarratti lafee (skeleton) obboleettii isaa ishee waggaa muraasa dura duutee lafa keessaa baasee, uffata itti uffisuun baatee baankii geesse. Gochi kun namoota baankii keessa turan hunda kan naasise yoo ta’u, miidiyaalee hawaasaa irratti dhimma xiyyeeffannoo guddaa argate ta’eera.
Gocha kanaan booda, qondaaltonni baankii fi aanga’oonni naannichaa dhimma kana qorachuun, maallaqa herrega sana keessa jiru akka isaaf kennamu godhaniiru. Haa ta’u malee, dhimmi kun hojmaata baankii fi rakkoo namoonni hiyyeeyyiin tajaajila mootummaa argachuuf mudatan irratti falmii guddaa kaaseera.
Dhimmi kun miidiyaalee biyya keessaa fi idil-addunyaa irratti akka fakkeenya rakkoo bulchiinsa gaarii fi gara-laafina dhabuu qondaaltotaatti dhihaadannoo uumeera.
Maddoota
*Hindustan Times
*The New Indian Express:
*NDTV/India Today
Odeeffannoo dabalataa argachuu karaalee armaan gadii nu hordofaa!👇
YouTube:http://www.youtube.com/@afromiyaa
Facebook:https://www.facebook.com/Afromiya
Telegram: https://t.me/ShinniigaaChannel
TikTok:https://www.tiktok.com/@afromiya.1?_r=1&_t=ZS-95ubn1Dvp2b