Bara 1989 dhumarraa eegalee sosochiin gaafilee hiree murteeffannaa, walabummaa fi ofiin of bulchuu sabootaa fi sablammoota gamtaa soviyet keessa jiraataniin gaafatamuu eegale. Bittaa Baaltik jala kan jiraata turan, Estonia, Latvia fi Lithuanian nuti yeroo Staliin aangoo qabate humnaan weera-ramnee malee biyya walabaa turre jechuun gaaffii jabeessan. Gaaffileen isaanii xiyyeeffannoo addunyaa akka argatuuf ji'a Aug, 23, 1989 keessa lammileen miiliyoona lamaa ol ta'an biyyoota sadan irra walitti dhufuun magaalaa guddoo Estonia irra eegaluun hanga magaala Luteeniyaa Vilines gahutti hiriira harka wal qabachuu geggeessuun xiyyeeffannoo addunyaa argatan. Gorbachoov naannoleen kun akka ofiin of bulchaniif ajaja dabarsus mormiin gara biraatii isa mudatee ture. Boodarra mormii isa mudate kana hordofee Gorbaachov yaada isaa jijjiiruun tarkaanfiin humnaa akka fudhatamu ajaje. Waraa-nni soviyet Luteeniyaa keessatti warra fincila kaasan jedhanii fi buufata Raadiyoo oduu mormii tamsaasaa ture tarkaanfii fudhate, hiriirtota irrattis ajjee-chaa juumlaa raawate.
Aug, 19,1991 Hojiin Gorbachoof bitaa kan itti gale caasaan waraa-naa biyyatti, caasaa tikaa KGB waliin ta'uun fonqolcha raawwate. Gorbachooviin aangoo irra kaasuun hidh-amaa mana keessaa taasisan. Guutuun biyya sanii komandi poostiin akka bulu taasifame. Gara jalqaba fonqolchi isaan geggeessan waan milkaa'e itti fakkaatee ture, garuu fonqolchitoonni dogoggora tokko raawwataniiru, innis barreessaa oolaanaa gita Raashiyaa paartii koministii Raashiyaa kan ta'e Booris Stil Gorbachoov waliin hidhuu hanqachuu isaaniiti. Booris akkuma fonqolichi geggeeffameen borumtaa isaa Raashiyaanonni fonqolcha kana akka hin deggerre, akkasuma dirreetti bahanii akka morman labsii dabarse. Raashiyaanonni hedduunis dubbii isaa kana qalbeeffachuun isa waliin hiriiran. Waraa-nni Soviyet gara mormitootaatti ergaman uummata irratti hin dhukaafnu jechuun fonqolchi sun akka hin milkoofne taasisan. Fonqolchi geggeeffame guyyaa sadaffaatti kufaa ta'e. Gorbaachoofis gara biiroo isaatti deebi'e. Bulchiinsi Gorbaachoov akka gatii hin qabne itti dhiyeenyaan ilaalamuu jalqabe. Kana hordofee Yuukireen Dec. 1,1991 murtee uummataatiin harka 100% keessa harka 90%n Gamtaa Soviyet keessaa bahuuf sagalee kennan. Yuukireen malee gamtaan Soviyet gamtaadha jedhamuun hin yaadamu. Maarree Dec 8,1991 hooggantoonni naannolee sadanii Ruusiyaa, Yuukireen fi Beelarus, Beelarus keessatti wal gahuun gamtaa Sooviyeet keessaa bahuu fi biyya walabaa ta'uu waliif mirkaneessan. Geggeessitoonni walii galtee akka mallatteessaniin booda Gorbachooviin beeksisan. Dhimma icciitii dii-gamuu biyyaa irratti kan hin hirmaanne Gorbachoov teessoo olaanaa gamtichaa kan taate Raashiyaa fi biyya qabiyyeen lafaa ishee guddoo taate Yuukireenin dabalatee naannicha mootummichatti mata dhukkubbii ta'an(Gorbachev dreams crushed). Mootichi utuu hin jaallatiin Dec 25,1991 ayyaana gannaatiin foddaa Tiiviitti bahuudhaan biyyattii baraaruudhaaf waan danda'u hunda akka taasise, yaaliin isaa akka hin milkoofne dubbachuudhaan aangoo fedhii isaatiin gadhiisuuf akka ta'e dubbate. Halkan sana waggaa 74ffaaf kabajaan mirmirfamaa kan turte alaabaan gamtaa Soviyet diimtuun sun buufamuudhaan bakka isaa alaabaan federeeshinii Raashiyaa kan halluu sadii qabdu teessoo mootummaa keessatti fannifamte. Waan namni hin eegne halkanicha raawwatame. Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaa hedduun biyyoota 15 bilisa bahan, Istooniyaa, Belarus Liteeniyaa, Lativiyaa, Azarbaajaan, Gorjiyaa, Raashiyaa, Uzibikistaan, Moldovaa, Yuukireen, Armeeniyaa, Kyrgyzstan, Kazakhstan, Tajakistan, fi Turkimenistaniif ergaa gammachuu dabarsuu eegalan. Beekamtiin tora tooraan laatamuufi eegalte. Beektonni hedduun Gorbachov biyya guddoo lafaan dhahee cabse jechuun quba itti qaban.
Ilaalcha Perestrikaa fi Ida'amuu jedhu barruu armaan olii keessatti wal bira qabdee xiinxaluu hin dagariin, waraa-na Afganistaanii fi Kaaba xoophiyaa ta'aa turee fi ammas ka'uuf duubaan (proxy war) xoophiyaa keessatti akkuma Kooriyaa keessatti raawwatamaa ture xiinxali.