โ
#Amboo๐ฅน๐๐ณ
Uummata kana jecha ittiin ibsitu dhabda. Miira keessa keetti dhagahamu dandeessees hin ibsattu. Ummatichi jechaa oli.
Amboo walgettii Maccaaf Tuulamaa- Qeyee Oromoo guutuun safeeffatu.
Burqaa goototaa fi hayyootaa- abdaarii ayyaantuwwanii
Hambaa lafee goototaa- icciitii qabsaawotaa qaalii
Qaanqee bilisummaa - Warra ganamaa, Warra Mogoritti xomboraa bilisummaa qabsiise
Warra bilisummaa Oromoo dursee owwaatu, warra gabrummaa fi gabroomuu garmalee tuffatu
Warra firaa gaachanaa, warra qareeyyiif ayyaanaa
Warra aanteef dhukkubsatu- warra diina irratti laboobu
Galaanaa qabsaawotaa warra kitaabnillee hin ibsine!
Warra kanatu warra keenya- warra kanatu kabaja nutti hore. Warra kanan gootni ni dhaadata. Warra kana gadheef gantuun ni baqata.
Amboo- Hambaa lafaa- Amboo- hambaa namaa
Namaa ol, lafaa ol- nuuf tolteetta! Ammas nuuf ooli๐
Kabajni harโa haadha teenya Ilfinesh Qannoof taasifame- Ilfee teenya waan gitu- Amboo keenyas waan ibsu๐ฅฐ.
~ ๐ฃยฉ Merid Tullu โ๏ธ๐
2September 8, 2026 369