Asoosama Miti! Gurbaan tokko jira Kan miilli gabatee Muujaleen gar malee Kan itti taphatee Funyaan isaa furrii Namuu ni tuffata Jalaa baatoo namaa Bututtuu uffataa. Argattis fokkisaa Fuullinis godeessa Asoosama miti Dhugaan sii odeessa. Osuma jiraatuu Asiif achi goree Maatiinsaa hiyyeessa Innimmoo waa hore. Halkan guyyaa fiiguu Hojii itti fufe Miilli dabaan sunis Sirra'aafii dhufe. Gaafa 'kiisiin' ho'u Fuulli ofiin ifti Guutummaa guutuutti Jijjiirame bifti. Ofirraa urgufee Huccuuf kophee moofaa Konkolaataa bitee Ofumasaa oofaa. Intala sooressaa Giiftii haadha simboo Fuuchuuf jaarsa ergee Mucaan miilli ximboo. Jarris tole jedhan Akkamittiin diduu Warqii fidi jennaan Isa warqii fidu! Intallis jaalatte! Jaalalaaf safuudha. Mana viillaa keessa Sireerra rafuudha. "Fuulli maal fayyada 'Wassaanyii'n 'ganzabaa' Miskiinatti heerumee Maaliifan jazzaba?" Jettee itt- heerumte Intalli dureessaa. Silaa waa dhabuutu Edaa nu xureessaa! Nutis "ayi qarshii" Jennee dinqifannee Waa dhabuu abaarree Boonyee hiqqifanne."😎 ✍️ @dera_zreal Join and Share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa
1