Akka Ammaa! ‎Gaafa ijoollummaakoo ‎Yeroo afaankoo dammaa, ‎Dubbiin… — Dinnee_Didaa — TG.ME

Akka Ammaa! ‎Gaafa ijoollummaakoo ‎Yeroo afaankoo dammaa, ‎Dubbiin arrabakoo ‎Utuu hin ta'iin akka ammaa ‎ ‎Ijoollee ollaa wajjin 'qoda qodaa' jennee ‎Baalaan mana ijaarree, ‎Dhirsaaf niitii taanee achumatti wal fuunee ‎Horree wajjin jaarree ‎ ‎Dhoqqeen buddeen tolchaa ‎Corroqaan farsoo naqnee, ‎Kabajaan wal waamnee ‎Wajjin mana hiriyaa dhaqnee ‎ ‎Siree ijaarrannee ‎Baala reejjii murree ‎Waan warri gurguddaa godhan ‎Hundayyuu gochaa turree ‎ ‎Akka abba manaatti...🕴 ‎ ‎Rakkoo manakoo keessaa ‎Gama maraanuu furee ‎Yeroo sana anumti kun ‎Manakoof bulchaan turee ‎ ‎#Garuu... ‎Har'a taa'ee yoon yaadu ‎Jaartiikoo ishee barasiin, ‎Bultii ijaarrattee jirti ‎Shaakala keenya yeroosiin 😂 ‎ ✍️ @dera_zreal Join and share 👇👇👇 @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

❤1
June 10, 2026 255