Hardhan Gaabba! Utuun miira siif hin qabaatin Bineensa ta'uu koo Osoon hin hubatin Akkan bor si ganu Utuun hin himatin Gaafan kabaja keetti garaa jabaadhe Maal qaba utuun dhalachudhaa baadhee Jedheen hardha gaabbaa Xurii gaabbii keessa dhaabbaa Sanuu.......... Jaalalan si qabsiiseef Kabajan si dhabsiiseef Ergan si miidhee gaabbee Of galaafachuufan dhaabbee Utuun yaadu..... Utuun gaabbu..... Miirakoo qabbaneessuuf Gaabbiikoo tasgabbeessuuf Baabura miiraa yaabbadhee Halaleen michoomfadhe Ergasii kunoo hojiinkoo...... Jinniitti michoomudhaaf Dindila baayyeen darba Hoteelatti ol seenee Shamarran baayyeen arga Kitaaba seenaakoorra Yaada gaabbiin dubbisa Hoteelatti ol seeneen Jinnii wajjin shubbisaa Gaaf tokko akka carraa....... Si'ii abdii kutatee Jiruu ofii lagatee Hoteela keessa warraaquu Ani bineensi baraa Qaama bituu yoon dhaqu Hoteelan seene keessa Situ jam'aa keessummeessa Situu fiigaa kurkura Situu qaama gurgura AaAaAaAa... hardhan gaabba! Join and Share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa
1
1