Yaa Simbira! Situ koochoo baasee Biyyayyuu bararaa Fageenya gabaabsee… — Dinnee_Didaa — TG.ME

Yaa Simbira! Situ koochoo baasee Biyyayyuu bararaa Fageenya gabaabsee Qaxxaamuree karaa Lagaaf gaareenillee Situ addaan muraa Daandiin kee samiirraa Maaltu si ugguraa Osoo ati naaf jirtuu Cinqamee si duraa Hoodhu ergaa koo Situu qalbii na furaa Nagaa itti naaf himi Jaalallee tiruu koo Si yaadeera jedhiin Dhiphatte lubbuun koo Karaan deemu hundi Na dabarsuu dinnaan Yaada keen na rakkuu Yaadannoo na fidan Dacheen irra taa’u Waa’ee kee haasa’u Yoo si taatee malee Tokkichuu naaf hin nahu Na dhaqqabi jedhiin Ergaan si haa gahuu Maaloo yaa simbira Ergaa kiyya fuudhii Geessi shaggee bira Dafii koottu jedhiin Si eeguttin jiraa! Join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

❤2
March 17, 2025 548 1 1