Kaleessi akka riiqicha altokko qofa tajaajiluuti. Kaleessi darbeera… — Sona walaloo — TG.ME

Kaleessi akka riiqicha altokko qofa tajaajiluuti. Kaleessi darbeera, gubateera, ammaatti inni daaradha. Daaraan bu'aa hin qabu. Garuu nyaanni kaleessa daaraadhaan bilchaate har'a humna ta'ee si keessa jira. Kaleessi homaa miti, kana jechuun; guyyiichi waayyuu miti, akka daaraatti daaraa ta'eera.

Garuu, dalagaan ati kaleessa dalagde martinuu har'a siif bu'aadha. Wanti ati guyyoota darban keessa hojjatte yoo jiraate akkuma nyaanni daaraadhaan bilchaate humna siif ta'e Sanaa humna ta'ee abdii sitti hora.
Guyyoota darban irraa homaa hin qabdu, sin fayyadu, kosii ta'eera. Al tokko tokko kosiin faayidaa nii qabaata. Garuu guyyoonni darban, inni wiixata, kibxata... jedhamee waamamu in qaqqabatamu waan ta'eef "zeeroo"dha, inni hin jiru.

Jechi gutummaatti faayida maleessaa ta'uu guyyoota darbanii naaf ibsu waan hin jirreef "haa ta'u" jedheen guyyoonni darban guutummaa guututti "zeero" dha jedheen tara.
Gochaawwaan kee guyyaa guyyaa guyyoota darbanii "zero" miti kana beeki.

Guyyonni sun har'a irra teessee duubatti deddeebitee kan yaadduu yoo ta'e inni, kosii xuraa'e fii summii summaa'een kan badhaadhedha. Jireenya kee suuta suuta dhora. Gad si oofa, gochawwaan kee guyyaa guyyaa keessatti akka ati milkoofneef, anniisaa kee dhugee, xuuuxee gogsa.

Yoos humna dhabda of jibbita, miira gadaantummaa miireessita. qaamni kee inni walittii dhodhoobbamee jabaa fakkaatu ofiin of nyaachuu jalqaba. Gogaan Lafeetti maxxana, lafeen deebisee gogaa dhiibe ol baba'ee mul'ata.

Sirnoonni uumamaa qaamota kee keessa jiran walii galuu dadhabu. Odeeffannoon sammuu irraa gara qaamota biraatti ergamu anniisaa dhabee karatti hafa. Qindoominni qaamota gidduu jirus adda cita. Gammachuun kee nii sokka. Umurii malees "Nan dadhabe" jettee himatta.

Kana hundumaa kaleessa keessa keessaa ba'uu dadhabuutu fida. amma jiraadhu. Kaleessaa keessa homtuu hin jiru—kaleessumtuu hin jiru.

Abiddichi amma boba'aa jira. Wanta bilchaatu yoo qabaatte ammuma bilcheessii. Wanti bilchaatu hin jiru yoo ta'e immoo rakkoo hin qabu, wanta hin jirre homaa gochuun hin danda'amu. Haa hubatamu amma isheen boba'aa jirtu kun borummoo daaraadha.

Jireenyi itti fufaadha ammarra darbee wanti " boru/bor" jedhamtu wanti maqaa malee maalummaan ishee hin beekamne jirti. "Har'i kun boru kaleessa taati" kana jechuun Har'is daaraa/kosii ta'uuf deemti jechuudha. Kanaaf jireenyi "amma qofa jiraatamti". Amma jiraannaan, jireenya jiraachaa jirta. Baayyuma hin dhiphatin. Ati jirta.

I'm not motivating you📣 coz, I'm not psychologist.

https://t.me/bashannanuuf
Telegram
Sona walaloo
Sona baay'ee argattu!! @Walaloo @Barumsa jajjabeessan
July 27, 2026 405 2