Jireenyi jalqabaa inni lafa irratti namni haa jiraatuuf waaqni uume maal fakkaata laata? Moo isuma amma jiraachaa jirru kanadha.
Waa'een jireenyaa gaafa gara sammuu namaatti dhufu; ilaalchi karaa amantaa namni waa'ee jireenyaa irratti qabu akkuma jirutti ta'ee, ilaalchi ykn ibsi namoonni akka dhuunfattis haa ta'u akka gareetti qaban, akka itti oolaanii bulanii fii bakka oolanii bulan irratti hundaa'uun ilaalcha dhuunfaa isaanii qabaatu. Yaadoleen garaagaras akka gareewwan garaagaratti nii jiraatu. Kana malees ibsi waa'ee jireenya akkuma amantiin gargar ta'e ilaalchi isaan jireenyaaf qabanis garaagara. Akka fakkeenyaatti warreen ilaacha “kayyoon jireenya inni guddaan gammaduudha " jedhu qaban ni jiru. dhuguma kaayyoon jireenyaa inni guddaan gammaduudhaa? Namni kan uumameef guutumma bara isaa gammadee akka jiraatuufii? faallaa yaada kanaa immoo ilaalchi "Namni jireenya isaa keessatti wanta isa gammachiisuu irraa of qusaachuu qaba. Wantoota gammachuu isaaf laataan ykn burqaa gammachuu irraa fagaachuu qaba" kan jedhanillee jiru. Kanneen biroo immoo "jireenyi akkuma amma gochaa jirru oolle buluu ykn walmakaa gammachuufii gaddaati" kan jedhanillee lakkoofsa hin qaban.
Ilaalchaawwaan garaa garaa haa jiraataniyyu malee ilaalchi hunda biratti fudhatamummaa qabu jira. "Namni kamuu jireenya isaa keessatti gammadee jiraachuu hin jibbu fedhii qaba. " kun ta'uuf immoo jireenya keessatti namni nama ni barbaachisa. Kan nama gammachisu nama, kan gammachuu sana laatu garuu waaqa. "Yeroo gammadan jireenyi namatti tola. Yeroo namni biraa waa'ee keef gammadu immoo caaladhumatti nama hawwata. "
Ofiin of gammachiisuun matumaa hin danda'amu. nama firoomfachuun, nama jaalachuun, nama ofitti qabuun akkasumas namootaan walitti dhufeenya fayyaa qabu uummachuun gammadanii jiraachuun nii danda'ama. Tarii namni namaan walitti dhufeenya uumuu irratti garaa garummaa nii qabaata. Gariin walitti dhufeenya uumuu irratti suuteeyyiidha. gariin ammoo namatti siquufis ta'e namarraa cituufis si'aaodha. Namarraa adda ba'uuf mudaa xiqqoo namarra barbaaduu, jireenya namaa guutuu dogoggora yeroo tokkoon madaalu. Dhugaaan jiru jireenyi dhala nama dogoggora yeroo tokkoon hin murtaa'u! Namni ofitti mudaa hin qabu, garuu mudaa nama biraa nii arga. Eenyulle nama mudaa hin qabne jaalachuuf feedhi qaba. Ni jaalatas hanga mudaa isaa argutti.
Kanaaf atis nama mudaa hin qabne qofa waliinaan walitti dhufeenya uummadha ykn jaaladha, jettee teessa taanan otoo nama wajjiin walitti dhufeenya hin uummatin, otoo jaalala namaa hin argin, otoo gammaddee hin jiraatiin addunyatti dhiistee godaanta. Namni mudaa hin qabne hin jiru. Kanaaf namooti amma jiran kun sin darbinin dhaamsa kooti.
📥 Facebook: Samuel GM
📥 Telegram : Samuel GM
April 15, 2026 1.1K 1