Jira guyyaan tokko tokko... part 2ffaa! Baroonni du'ani...ji'oonni… — Sona walaloo — TG.ME

....Jira guyyaan tokko tokko... part 2ffaa!

Baroonni du'ani...ji'oonni taranii...guyyoonni sokkanii....saatiiwwaan kufanii wal jijjiiran keessa....Jira guyyaan tokko tokko...guyyoonni mataa keetti si dachaasan. Jechoota kumaatamatu mataarraa si uursa. Of jala teessee of taajjabda. Ofuma gadi laalta. Sulula keessatti of argita... of ceephata.. of ifatta!

Guyyoonni hooo jedhanii sitti duulan. guyyaan ofumaan deebitee of tuffattu. Guyyaan ofumakeen muu! Jettu wayii nii jira. Animoo? Eecci! Ofiin jetta. Of sururta! Of hadheeffatta. Afaantu si hadhaa'a. of tufta! Of ilaalteet of jibbita...of ilaaltee of sukkuumtee of miiccitee, ammas daaraa.
Hoomocha jechoota gadi-galootiin of zafazzafta. Andoodeedhaan yaadota kee ligidaa'ee rirriittee qulleessuu yaalta. Inni ammas xamxaammaa dha!

Jiraam guyyoonni akkasii...!
Kan kaleessa diinni kee ittiin si arrabsaa ture yaadatteetu of garafuu jalqabda. Diina kee jajja. Eeyyen sirrii jedhan...anatu akkasiim anatu dhoqqeedhaam ofiin jetta....jira guyyoonni dhoqqee ta'anii fuulatti si dhoobaman..ofirraa miiccitee kan dadhabdu wayii ...! Hin jiruu? Jira malee... Guyyaan fuulli kee raara'u! Jira guyyaan itti fuulli kee bacaqii gannaa fakkaatu. Jiruun dhoqqee miiccamee hin qulloofne si harkatti taati...! Si harkatti bacaqatti. Raaroftee si rarraafti...

.....Jira guyyaan tokko tokko....... itti fufa!
April 1, 2026 1.1K 1