...... Jira guyyaan tokko tokko....part...1ffaa!
fiigichikee saffisaan kallaattii mirgaatti. Amma dandeessuu qilleensa abbuuqqattee fuulduratti tufta. Qilleensi nii abbuuqqatamaa? Eeyyen! Somba keetti oksijiinii na fullaasa jettu gadi tumtee garaa kee bokoksitee kallattii kaayyoo keetti kottee keen wixxirfatta. Achi gara mul'ata keetti konkolaatta...of darbatta..of furguuggattee lafa yaadde ga'uuf sardamta. Gufuulee milkaa'ina kee, dhagaalee karaakee cufanii jiran caccabsitee darbuuf Anniisaa tuullatta.
Nii tiratta ni tattaafatta ni saffista nii fiigda. Tulluu milkaa'ina kee ilaalaa saffisuutti hafuurri si hanqata. Cichoominaan xiiqomtee ifaajjita. Mudhii kee obsaan xaxattee tarkaanfii eegalta. Akka dandeessuuf akka injifattu ofitti lallabda! Galaa kee galaafattee imala eegalta. Xiyyeeffannaan kee tulluu milkaa'ina kee sanarra ta'a...
Kun tarkaanfii cichoomina ati jijjiirama jireenya keef taasistudha.
Hmm garuu jira guyyaan tokko tokko...!
Saffisa kee isa dhumaa ati mirgatti furguuggatamaa jirtu sana completly kallattii bitaatti guyyaan si harkaa jijjiiru. Guyyoonni itti mogoleenkee akka sibiilaa jabaatu sun, otuma deemtuu rom'uu, osuma fiigduu si harkatti dadhabutu jira. Tattaaffiif cichoomina kee kan si gansiisu. Jira guyyaan akkasii...! Indee ! Jettee haga raajeffannaa bitaacha'aa keessa seentutti.
Guyyoonni yaanni keef wanti sirratti raawwataman si harkatti wal dhiitan nii jiru. Guyyoota akkasii... Mirgatu si jalaa bitooma. Mirgi nii bitoomaa? Mirgaaf bitaa addaan baasuu dadhabda. Adda baasuuf bitaachomta. Dammatu si harkatti ibichata. Dhamdhama jijjiirratta. Guyyaatu si jalaa cillima... cillimeetu duudaa ta'a. abjuu keetu dukkanaa'a. Dukkanaa'ee jaamaa ta'a.. Fuula keetu si dhimmisa... dhidhimmisee yandoo roobsa, yandoo roobseetu callabbeessa. Lolaa (Galoo) waliin si firoomsa....! Jira guyyaan tokko tokko....
Si muudatee beekaa? Guyyoonni itti kaayyoo kee gante hin jiruu? Lafa waliin darabee walitti naannoftanii hin beektanii? Of ilaaltee of dhabdee hin beektuu? "Kana booda na ga'a" jettee duubatti garagaltee hin beektuu? Sirriitti beekta malee...!
✍️ Chala Beyisa follow me for more!
March 17, 2026 1.3K 2