Inni du'a morkachuuf yaaluullee, duutii deebisee isa morkate. ..."… — Sona walaloo — TG.ME

"... Inni du'a morkachuuf yaaluullee, duutii deebisee isa morkate. ..."
Abjuu Waggaa 150 fi Dhugaa Du’a Maaykal Jaaksan.

Maayikal jaaksan namni jedhamu sirbaa fii danser(dancer) Amerikaa beekamaa yoo ta'u waggaa 150 jiraachuuf itti yaadee karoora baafate ture.
Inni nama beekamtii fii qabeenyaan baadhaadhe yoo ta'u, ogeeyyii fayyaa 12 guyyaa guyyaatti rifeensa mataa isaa irraa kaasee hanga qeensa miilla isaatti waa'ee fayyummaa isaa qoratan mana isaatti qacaratee qaba ture. Nyaanni isaa yeroo hunda osoo isaaf hin dhiyaatin dura laaboraatooriitti qorannoon geggeffamaf. Namoonni biroon 15 ammoo sochii qaamaa fi hojii isaa guyyaa guyyaa hordofuuf qarshiin isaan bitee ramadatee akka qabu seena isaatu jedha. dabalataan immoo Sireen inni irrra ciisu teeknooloojii sadarkaa okisijiinii ofiin of safaru qaba ture.
Kan nama ajaa'ibuu yoo qaamni isaa, fakkeenyaaf onneen isaa hojii dhaabe namoonni onnee yookiin qaamota biraa isaaf arjooman (donors) yeroo barbaadametti hatattamaan akka isaaf kennaniif qopheeffatee qaba. Inni abjuu waggaa 150 jiraadha jedhuun wantoota waggaa 150 isa jiraachisu lakkaa'ee, safare walitti qabatee deemsa isaa itti fufe. Garuu wanti nama gaddisiisu hin milkoofne.
Umurii isaa waggaa 50tti, onneen isaa hojii dhaabe. Carraaqqiin ogeeyyii fayyaa 12 sun bu’aa hin fidin hafe. Namooti qaama isaaf arjoomanis bu'aa hin buusne, Akkasumas, carraaqqiin ogeeyyii fayyaa biyyaattiin qabdu walitti dhufanii godhan illee isa oolchuu hin dandeenye. Innis abjuu isaa waggaa 150 jiraachuu sana fiixaan baafachuu dadhabe."Abjuun isaa Abjuu ta'e."
Wanti nama ajaa'ibu beekemtiifii dhageetti guddaa inni qabu irraan kan ka'e Guyyaa inni du'e, midiyaaleen gurguddoon addunyaan Kun qabdullee kanneen akka Wikipedia, Twitter fi AOL hojii dhaabanii turan. Jaaksan du'a morkachuuf yaalullee, du'i deebisee isa morkate.
Seenaan kun qabeenya yookan beekumsa hagam iyyuu yoo qabaatte, waanta beekumsii fii qarshiin bituun hin danda'amne akka jiru si barsiisa. Maayikil Jaaksan du'a jalaa milquuf yaalii addunyaan dinqisiifattu taasiseera.


📝 SAMUEL GM
March 8, 2026 1.2K 2