"Hunduu yeroo keetti bareedee wal qixxaata" !
Gaaffiin mataa si naannessee bishaan waaddaa jirtaa? Waan qabde dhiiftu dhabdee bishaan akaawaa jirtaa laata?
Karaaleen jireenya biyya lafaa sululadha. Deemsa dadhabsiisaa fi ijibbaachisaadha. Gadi buutee ol ba'uuf jilbikee si luqqa'a. Lapheenkee si laaxama. Tirannaa daaddee keessa dhagaan mataatti si jiga...dafqatu illeedhaan si dhangala'a....bara ijoollumma keerraa jalqabdee carraaqqiin ati taasisaa guyyaa kanarra geesse nuffisiisaadha. Ijibbaachisaadhas! Har'a toora qabata bor toora qabata jettee osoo wixxirfattuu ammayyuu sanumadha! Hafuura abdii kutannaa tokkoon " Ecci" jetta! Kankoo kun" jetta. .....
Osoon taa'ee yaadaan gulufuun faarfannaa tokko banadhe. Osuman galaana yaadaa daakuun sararri tokko sammuu na hate..."Hunduu yeroo keetti bareedee wal qixxaata " jedha! Laphee kootu na na'e...! Burjaajii yaada koo keesaa utaaleen jechicha irra deddeebi'ee xinxaluu eegale. Edaa wanti martiyyuu yeroo isaatti malee hin ta'u! Jedheen hasaasuu eegale...! Hafuura kootu na boqote... gaaffii koo dagadheen gooftaakoof sagade...! Inni yeroo isaatti bareechee jireenya koo qajeelchuudhaaf humna jabaa qaba...!
Nama koo! Dhiphattee of hin kukkutin! Gadditees of hin balleessin! Yaaddoftees mataa of hin dhoosin! Burjaajii jireenyaa keessaa sammuu kee baasi. Kosii dhiphinaa of keessaa balleessiitii hafuura qulqulluudhaan guutami. Kristoos keess lixiitii hafuura nagaa baafadhu. Wanti barbaade haa manca'u...haa badus! Haalli ulfaataan ati keessa jirtu naaf gala. Garuu wanta tokkotu naaf gale...Olis fiigdu gadis fiigdu karoora waaqayyootiin ala jiraachuu hin dandeessu! "Hunduu yeroo isaatti bareedee wal qixxaata" kana beeki!
Nii jaalatamta! Lubbuu tokkoof share godhi pls!
✍️ Chala beyisa follow me!
March 8, 2026 1.1K