Yoom darbaa?
Gadadoon marfamtee
Rakkinaan dhiitamaa
Eelaa sagal bachuun?
Gaaffiin sammuu guunnaan
Yaadaan burjaaja'aa
Hidhii ofii nyaachuun?
Yoom darbaa?
Dhuguma cala'aa
Dhuguma nii hafaa
Dafee nurraa badaa?
Moo?
Barumaan gubachaa
Barumaan tirannaa
Afuuffachaa madaa?
Tarii?
Uumaan keenya dafee
Deebii baatee dhufaa?
Gudeelchi rakkinaa....
Saggoorraa nu kufaa?
Moo?
Gaaffiin keenya didee
Baraan itti fufaa...........?
✍️ Chala beyisa ti!
February 14, 2026 1.5K 1 3