Ilkaankee siif cabsaa....? ‎Dhagaa daaktee nyaattaa? ‎Eenyuun murtee… — Sona walaloo — TG.ME

‎Ilkaankee siif cabsaa....?
‎Dhagaa daaktee nyaattaa?
‎Eenyuun murtee gatuuf
‎Qottoo qartee baattaa...?

‎Amma kaachaan geessee
‎Alaammattee murtuu ....
‎Kottee kee sassaabdee
‎Sammuudhaan hin furtuu?

‎Namummaatii baatus
‎Dhugaayyuu lagattee....
‎Akka kuftee cabduu
‎Akkamiin dagattee....😀?
‎Qalbii kee haguugdee
‎Daangaa jiru ceetee..
‎Nama kaaniin murtee
‎Waan miliqxu seetee ..🤔?


‎Qottoon ati baattee
‎Muruuf kaate jirmaa
‎Suma fanaxxaree...
‎Taate galaa rirmaa...😁

‎Mukkillee nii hafaa, takka turee lataa
‎Summiin arraba kee suma kutee gataa!

✍️ Chala Beyisa Buraayyuu, kellaa
February 5, 2026 1.5K 1 7