Micciiramtee mormaa cabdee Uuruu dhiibdee gaarreffattee Nanaannoftee… — Sona walaloo — TG.ME

Micciiramtee mormaa cabdee
Uuruu dhiibdee gaarreffattee
Nanaannoftee na haallattus
Garaan kankee naaf baqaqee
Ol utaaltee lafa lafa tumtee...
Kuftee kaatee na jaalattus....!

Natti siqxeef natti hoo'ee
Narraa siqxeef natti qorree
Hin burjaa'u yaa namanaa...
Giriisa keef iddoo hin qabu
Fakkeessuu kankee caala...
Eenyummaa koottan amanaa.

✍️ Chala Beyisa (Ati-anaaf)
January 19, 2026 1.6K 2 4