Ecci...! Kutaa 5 ffaa...
Surura surura sururamaa
Fageenyarraa si ceepha'a
Dhamdhamnisaa ibichadhaa...
Jireenyatu qoreen guuta...
Ija keetu wal si shakkaa
Goromsatu jibichadhaa....!
Dafqa keetu si sissinnooma
Karoora keetiin wal dhiitee
Dugda faallaa sitti gataa.....
Daaddee deemtee obaafteetu
Biqilaankee nii cooligaa
Qoreen dachaa sitti lataa.....!
Aduun yaadaa si waxallaan
Keessi kankee si goggogee
Hafuurri kee daguugamaa...
Bubbee sardaan si urgufnaan
Qor-qalbiin kee si biliqee
Mul'anni kee haguugamaa....!
Ecci....🙂↕️
✍️Chala beyisa December 16-2025 @ WKU!

December 16, 2025 2.4K 2 4