Ecci...! kutaa 4ffaa Harkikee dognomee kiisiikee lagataa Ijakee… — Sona walaloo — TG.ME

Ecci...! kutaa 4ffaa

Harkikee dognomee kiisiikee lagataa
Ijakee lamaantu jiraa wal dagataa.....!
Yaadni kee miliqee qililleetti kaataa
Dugda si qirqirsee arraba si nyaataa...!

Hundumtuu bitaadha gurraachi burreedha
Ija kee shakkita, caammaatu surreedhaa...!

Gaafa akkasii kanaa, Gaaf jireenyi burree
Gaafa of oolfachuuf, gurgurattu surree.......
Gaafas ecci jettaa, sururfattee laaltaa
Bubbee wajjiin fiigdaa, eergama kee haalta
Yaadaan baddaa baatee, takka boolla lixxaa
Abdii kee sharaftaa, gurgurattee fixxaa........
Harkaan marii qabdee, yaadakeetiin mugda
Ibicha cuunfitee, malakkeedhaan dhugda😂

✍️ Chala Beyisa Caamsaa 30-2016 @Wku
December 9, 2025 1.8K 2