Ecci! kutaa 3ffaa
....
Bishaan abidoomnaan
Qilleensi awwaaraa.....!
Luqqeettuun si cabee
Sammuutu si haaraa...!
Boraatiin bofoomnaan
Wayyaankee qaanqataa
Qoonqoo fii fal'aanni.....
Wal-kiphuu hanqataa...!
Gaafas ecci jetta, bifa kee xaragaa.....
Yaadaan dhoqqee faaltee, ofitti maragaa.
Yaa jireenyaa jetta, mormakee cabsitaa
Sagal afuurfattee, dhiphina labsitaa...😠
......
Egaa maal gootagaa, jiruun si faallessaa
Osoo birraa yaadduu, gannaan si daallessaa
Yaanni kee soorummaa, Gin kaboota ultaa
Fedhiin kee xiyyaaraa, farda ooftee bultaa
Huccuu haaraa feetaa, kan qabdu citaadha
Ati mirgaan yaaddaa, jireenyi bitaadhaa..🫢
✍️ Anuma!

November 27, 2025 1.8K 5 3