Ecci....! kutaa 2ffaa!
Buddeen sagal fixaa, Garaadhaa beeloftaa
Kotteedhaan socho'aa, keessoodhaan eeloftaa
Hmm
Qiinqiniin si qorqee, lafeekee lixeeraa
Mogoleekee nyaatee, si dhugee fixeera
Irri calaqqisee, lalisee saaraadhaa
Keessikee ciinca'aa, gubataa daaraadhaa
Qilleensi bubbisuu, dhagaa guuree kaataa
Miira keetu boo'aa, Sammuutu si nyaataa
Karoortee imaltee , walakkeessee kufaa...
Funyoo baattee fiiguun sammuutti si dhufaa
Tiifuunuu ulfaataa, wanti hundumtuu yakka
Lama tarkaanfattaa, nageenya kee shakkaa...
As laaltee achi laaltee, qilleensa bir'attaa
Lootuun"shokok"goonaan, kiiloo shan hir'atta!
✍️ @chalchalish follow me for more!
📷
October 5, 2025 2.3K 1 1