ODUU TEEKNOLLOOJII ✔️ Meta’n Instagram irratti sirna icciitii… — GUTEE TECH — TG.ME

🔔 ODUU TEEKNOLLOOJII

✔️ Meta’n Instagram irratti sirna icciitii End-to-End Encryption (E2EE) dhaabuu isaa beeksiseera. Kunis, erga sirni kun dhaabbatee booda, chat dhuunfaa fayyadamtootaa akkuma duraanii icciitii cimaadhaan eegamuu dhabuu danda’a. Kana jechuun garuu namni kamiyyuu chat kee argachuu danda’a jechuu miti.

✔️ Sirni End-to-End Encryption dhaabbachuun fayyadamtoota kallattiin hacking’f saaxila jechuu miti; garuu dhimma privacy fi iccitii ergaa dhuunfaa irratti yaaddoo uumuu danda’a.

✔️ Meta’n murtee kana kan fudhate, fayyadamtoonni Instagram irratti E2EE baay’inaan hojii irra hin oolchine, akkasumas qabiyyee seeraan alaa fi wantoota balaa geessisan to’achuuf barbaachisaa ta’uu isaa ibseera.

💭 Yaada koo: Instagram fayyadamuun yoo itti fufame, odeeffannoo dhuunfaa fi iccitii ta’e qooduu irratti of-eeggannoo gochuun barbaachisaa dha.

👇 Isin hoo maal yaaddu? Instagram itti fayyadamuu ni itti fuftuu moo privacy keessaniif of-eeggannoo dabalataa gootu?


SHARE ➤ @OroTechGutee
SHARE ➤ @OroTechGutee
❤9👍2🥰2👎1
August 30, 2026 414