🚨 AKEEKKACHIISA ARIIFACHIISAA! Dhiheenya kana Telegram irratti malleen gowwoomsaa fi akaawountii hattaniin saamuu garmalee babal'achaa jira. ⚠️ Saamttonni Akkamitti Nama Gowwoomsu? • Suuraa fi viidiyoowwan nama hawwatan fayyadamuun liinkii (link) ergu. • Ergaan kun nama hin beekne qofa irraa osoo hin taane, akaawountii hiriyaa ykn fira keessan isa jalaa saamame irraas ergamuu danda'a. • Fakkeenyaaf: "Weebsaayiti kana irratti suuraa kee ilaali!" jedhanii liinkii ergu. ⛔ Balaa Isaa: Liinkicha takkaa cuqaasnan, sakondii muraasa keessatti akaawountiin Telegram keessan to'annoo saamtotaa jala gala. Saniin booda akaawountii keessaniin namoota beektan hundaaf ergaa gowwoomsaa akkasiiti erguu itti fufu. —————————— 🛡 Akaawountii Keessan Akkamitti Eeggattu? 1️⃣ Bilbila/Meeshaa Biraa Keessaa Baasuu (Devices): • Gara Settings → Devices deemaa. • Kutaa Active Sessions jalatti bilbila/meeshaa hin beekne yoo argitan Terminate All Other Sessions kan jedhu cuqaasaa. 2️⃣ Jecha Iccitii Lammaffaa (Two-Step Verification): • Gara Settings → Privacy and Security deemaa. • Two-Step Verification kan jedhu filadhaati Password cimaa hin dagatamne galchaa. ⚠️ HUBACCHISA GUDDAA: Saanduqa "Hint" jedhu keessa Jecha Iccitii (Password) keessan deebistanii akka hin galchine! Namoonni baay'een dogoggora kaniin Password isaanii saamtotaaf saaxilu waan ta'eef. 📲 Namoota Biraatiif #Share Godhaa! SHARE ➤ @OroTechGutee SHARE ➤ @OroTechGutee
AKEEKKACHIISA ARIIFACHIISAA! Dhiheenya kana Telegram irratti malleen… — GUTEE TECH — TG.ME
August 29, 2026 434 1