Akkaa uumama harka namaa fakkeessuun kan hojjetame NEO'n, roobootii… — GUTEE TECH — TG.ME

Akkaa uumama harka namaa fakkeessuun kan hojjetame NEO'n, roobootii addunyaa keenyaa isa baay'ee ammayyaawaa ta'eera.



Ariitii namaa olitti socho'uu kan danda'u yoo ta'u, burcuqqoo harka isaa irraa kufuuf jedhu battalumatti qabatee baraaruuf dandeettii miiraa (sensory) olaanaa qaba.



Bishaan kan keessa hin seenne (waterproof) waan ta'eef mi'a qulqullessu kan danda'u yoo ta'u, daa'imman bira sodaa malee ta'uuf laafina fi eeggannoo ga'aa qaba.



Hojiiwwan mana keessaa (akka uffata dachaasuu) bira darbee, gara fuulduraatti qaama miidhamtootaaf qaama namtolchee ammayyaa hojjechuuf filannoo guddaadha.


SHARE ➤ @OroTechGutee
SHARE ➤ @OroTechGutee
❤10👍2🥰2
August 28, 2026 499