Cehumsa seenessa gootaa-gantuu taasifamu keessatti rakkoolee lamatu mudata. Kan duraa namoota alagaa irra goruun saba waraanuu isaaniitin, seenessa diddaa keessatti fuullee gantummaa taasifne san, barii injifannoo abaarsa gantummaa irraa kaafnee faaruu gootummaa itti roobsuun waldhiittaa(contradiction) seenessaaf nu saaxila. Gama tokkoon tokkummaafi sabboonummaa Oromoo seenessa diddaa irratti ijaarame san akka hapheefi gaaza siyaasa keenyaatti fayyadamuu itti fufuun milkaa'ina cehuumsaatiif dirqama. Gama biraatin ammoo, Oromoota ijaarsa Itoophiyaa keessa turan san leellisuun, haqa qabeessummaa aangoo(legitimate claim to power) lafa qabsiisuuf barbaachisa ture.
Kanaafuu siyaasa keenya keessatti waldhiitinsi seenessaa hamaan akka hin uumamneef cehumsa dhawaataa gochuun barbaachisaadha. Tooftaa kana keessaa Oromoota mootota Itoophiyaa waliin hiriiranii hawaasaafi siyaasa qabsoo Oromoo keessatti maqaan hamtuun hin kaane leellisaa, kan ifatti gantummaatti abaaraman garuu tursiisuudha. Haacaluun shoora gootonni Oromoo lola Adawaa keessatti taphatan geerrarsaan yeroo seenessu, Gabayyoo Gurmuu, Qusee Diingadee, kkf leellisee Goobanaa keessaa yoo dhiisu sababa malee hin turre.
Rakkoon cehumsa seenessa diddaa irraa gara seenessa bulchiinsaa godhamu mudatu kan biraa, akkataa namoonni siyaasa qabsoo keessatti gootummaan leellifaman, boqonnaa haaraa keessatti itti dhihaachuu qabaniidha. Namoonni seenessa diddaa keessatti mallattoo gootummaa turan, warra qabsoo farra sirnaati geggeessaa turaniidha. Sirna biyyaa san ammoo goolabbii boqonnaa qabsoo diddaa keessatti aangoo dhuunfanne itti gaafatamummaa tiksuu fudhanee jirra. Gara tokkoon, Oromoota Itoophiyaa ijaaruu keessatti shoora qaban leellisuun sirna san too’achuufi tiksuuf dhugaa qabna jechaa, gama biraan ammoo Oromoota sirnichuma san diiguuf falmaa turan leellisuun waldhahiinsa seenessaa biroof nu saaxila sodaa jedhutu ture.
Kanarraa ka’uun namoota seenessa qabsoo Oromoo keessatti akka gootaatti leellifaman keessaa, kanneen akka farra sirnaa hamootti farrajamaa hin turre dhaadheessa, kanneen ijjannoo cimaa qabaachaa turan moggatti dhiibuun akka tooftaatti fudhatame. Sababni Bilxiginnaan Haylee Fidaa faarsitee Baaroo lash gootuuf, Taaddasaa Birruuf siidaa dhaabdee Maammoo Mazmir irraanfachuu filattuufis kanuma. Seenessa mootummaan Itoophiyaa qabsoo Oromoo irratti dhiheessaa ture keessatti Taadasaa Birruufi Haylee Fidaa akka waan Maammoo Mazammiriifi Baarorra ijjannoo lash jedhu(moderate) qabuutti kaayamaa waan tureefiidha.
Rakkoon cehumsa seenessaa kun qabsoo Oromoo qofa osoo hin taane kan Tigrees mudatee ture. Seenessi bara qabsoo isaanii namoota Tigree mootota Itoophiyaa waliin tumsan akka gantootaatti ilaala ture. Erga angoo qabatanii booda, mootii Yohaannis dabalatee Alulaa Abbaa Naggaafi kanneen biroos akka goototaatti maqaa isaanii xahaarsuun(rehabilitate), ijaarsa Itoophiyaa keessatti abboonni keenya shoora qabaachaa waan turaniif, nutis har'a bulchuuf haqa qabeessadha seenessa jedhu kaayatan. Hamma tokko itti milkaayanis, waldhiittaan seenessa gootaa-gantuu bara qabsoofi seenessa bara bulchiinsaa isaanii osoo guututti hin furamin angorraa bu’an.
Walumaagalatti hojiin seenessa qabsoo ijaaruu caalaa kan gara bulchiinsaa ceesisuutu xaxamaadha. Gaafa seenessa diddaa ijaartu, daangaa gootaafi gantuu sararuun hedduu hin ulfaatu. Sababnis eenyu gara alagaa akka goreefi eenyu akka alagaa dura dhaabbate ifa waan ta’eef. Cehuumsa gara seenessa bulchiinsa godhamu keessatti garuu, namicha kaleessa akka gantutti dhiheessaa turteefi gocha isaa fakkeenya gantummaa taasiftee dhiheessite, haqaaraa biraa itti tolchitee bifa gaaromminaatiin dhiheessuu barbaachisaa ta'uu mala. Bara qabsoo hammeenya raawwatame ol baaftee muldhifta, gaafa cehumsa eegaltu immoo, toltuu xixinnoos taatu suur-guddiftuun( magnifier) ol baaftee muldhifta.
August 4, 2026 171