Sababni lammataa ammoo seenessi gootaa-gantuu bifa salphaatti lammiileef galuun dhiyaachuu waan qabuuf, gantoota heddu tarreessurra, tokko(guddicha) keessaa fuudhanii akka bakka bu’aatti dhiyeessuun mijataa waan ta’eefiidha. Kanaafuu bu’ureessitoonni seenessa gootaa-gantuu qabsoo Oromoo, namoota Minilik faana hiriiran keessaa Goobanaa filachuun isaanii waan nama raajuu miti. Adaduma Goobanaa Daacii bakka bu’aa seenessa gootaa-gantuu ta’ee dhiheeffamuun, Goobana jechuun maqaa nama tokkoo ta’uun hafee, hiikkaa gochaafi amala gantummaa ta’e. “Abalu ni goobane, akkas gochuun goobantummaadha” yoo jedhamu dhagayuu hin ooltan natti fakkaata. Gabaabumatti tura keessa Goobanni maqaa nama tokkoo ta'uun hafee seenessa of danda’e ta’e.
ATAKAAROO SEENESSA GOOBANAA
Qabsoo sabaa keessatti seenessi gootaa-gantuu akkuma qabsaa’ota hamilchiisuufi gantummaa hirdhisuun tokkummaa cimsuuf fayyadu, of eeggannoon godhamuu baannaan miidhaas ni qabaata. Qabsaa’onni yaadaan waldhabuu mannaa gantummaan walfarrajuun, hoggantoonni/ murnoonnis hojiin waldorgomuu irra maqaa walballeessuun waan jiruuf, taappellaa ‘gantuu’ jedhu san walitti maxxansu. Kun ammoo hiikaafi gatii guddaa seenessi gootaa-gantuun qabaachaa ture rakisheessaa deemuun, bu’ura hamileefi tokkummaa qabsaa’otaa mannaa, sababa qoqqoodamiinsaa ta’a.
Haaluma kanaan qabsoo Oromoo keessattis, ‘goobanummaan’ tura keessa akeeka jalqabaatiin addaatiiff hojiira oolaa deemuun, madda atakaaroo ta’e qabsoo miite ta'e. Atakaaroon seenessa Goobanaa mooraa qabsoo teenyaa sababa garagaraa qaba. Kanneen keessaa kan duraa, seenessa ‘goobantummaa’ kana hamma barbaachisuun caalaatti ( excessive and out of context) itti fayyadamuudha. Bara qabsoo barattoota yunivarsitiifi barii dhalachuu ABOtti nama/murna ilaalchuma adda ta’e xinnaa qabu goobatummaatti farrajuutu ture. Fakkeenyaaf warra MEISON fi ECHAT jidduu garaagarummaa ilaalchaa muraasa ta’us, Haylee Fidaatiin Goobana Diimaa ( Red Gobana) jedhanii farrajan. Kun walmadeessuufi waldiinomsuu hammeessee mooraa qabsoo itchuu hanqise.
Maddi atakaaroo seenessa Goobanaa kan lammataa, dhalchuu murnootaaafi gandummaatiin walqabata. Mufiifi ololli murnummaa akkuma hammaataa deemuun, goobantummaa dhalattoota Oromiyaa jiddu galeessaatti maxxansuun eegale ( haaluma walfakkaatuun “ilmaan Mishinarii kan dhalattota Lixa Oromiyaatiif kennamaa ture). Kun ammoo hiikkaafi akeeka seenessa gootaa-gantuu Goobanaa tan jalqaba nu fayyade san karaa dabsuun atakaaroo hanga ammaa deemuuf karaa saaqe.
Sababni sadaffaa seenessi Goobanaa atakaaroo uumeef ammoo qabsoon Oromoo boqonnaa haaraatti tarkaanfachuu ishiiti. Boqonnaalee qabsoo diddaa afran ( the resistance phases) duraa keessatti, Goobanaa’s ta’ee Oromoota Minilik waliin dhaabbatan akka gantutti dhiheessuun dirqama ture. Sababnis seenessi waligalaa(grand narrative) qabsoo keenyaa, sirna mootummaa Itoophiyaa kan alagoomsu waan tureefidha. Seenessi sun Itoophiyaan ijaaramuun cabuu Oromootiif akka sababaatti waan dhiheessuuf, namoota Minilikirra goruun humnoota Oromoo cabsanii, sirna mootumaa Itoophiyaa ijaaranis diinomsuu(disown) fi Oromoorraa fageessuu (distancing) barbaachisaa ture.
Seenessi Oromoota Minilikis ta’ee mootota sanii'as waliin turan diinomsuu sun, gaafa boqonnaaleen diddaa sun injifannoon goolabamanii, aangoo sirna Itoophiyaa san harka keenya gale burjaajjii uume. Itoophiyaa erga dhuunfanne booda alagamsuu itti fufnee bulchuun hin danda’amu. Kanaafuu gaafa gita bittaa alagaa buqqaasuun cehuumsa siyaasaa eegallu, seenessa diddaa(resistance narrative) irraa gara seenessa bulchiinsaa(governing narrative) gochuun feesisa ture. Kanaafuu jalabultii injifannootirraa kaasee seenessa sirreeffachuun eegalame. Itoophiyaa haraam godhaa turre san halaal godhachuutti ceene. Tooftaalee kana keessaa Oromoota mootota Itoophiyaa waliin hojjachaa turan tarreessuun, ijaarsa ishii keessatti shoora taphachaa waan turreef, bulchuufis dhugaa (legitimate claim) akka qabnu agarsiisuu qabna turre. Geerarsoonni Haacaaluu Hundeessaa cehumsa seenessaa kana raawwachaa turan.
August 4, 2026 130