Soraa Abdataa waggaa 4 dura..Walaloo kana Sooraatu barreesse!🥲 *** Akka malee garaa nama nyaatti. "Yakka maaliin qaba" eeyyee yakka hinqabdu!😭 #Natti_hin_murteessin ofii koof unkureen jireenya koof jiraadhaa gaafan dhabe rafeen gaafan argadhe nyaadhaa Ukunkuree bututeen galee imimaan buusaa ijikoo imimmaan fixee darbees dhiiga kuusaa natti hin murteessinkaa adaraa yaa namaa har'as boo'ee boris boo'uun anaafis naa gamaa kolfee hin xabadhu bulee ka'een jooraa akka namaa boqodhee uffaadhees yooman kooraa erbeen koo ciccitee rakkinaananoo jiraadhaa ofii xiqqoo nyaadheen gudahoo siif baadhaa natti hin murteessinkaa ilaal imimmaankoo sitti haa mullatukaa rakkoof gidiraankoo as bu'een achi bu'aa fuulaa gurraacha'ee namummaakoo gatee qaamaa cilaatta'ee qoonqookoo hururseen mudhii hidhadhee rafaa ofitti maramee akka ilmoo bofaa osoo kaan quufee gatuu an harcaatuullee dhabaa natti hin murteessinkaa an yakka maaliin qabaa.??? ....!!!... RIP
Soraa Abdataa waggaa 4 dura..Walaloo kana Sooraatu barreesse!🥲 ***… — Obsinaan Arsii — TG.ME
July 31, 2026 207