1.10 Looga [Dialect] :
Namoonni afaan tokko dubbatan sababa addaan fageenya naannoo jireenyaarraa kan ka‟e guyyuu walqunnamuu hin danda‟ani. Kanaafuu, jechoonni naannoo tokkkotti itti gargaaraman naannoo biraatti beekkamuu dhabuu, hiika biraa qabaachuufi ergaa qaanii dabarsuu danda‟u.
Jechoonni akkanaa naannoo murtaawaa qofatti waan gargaaraniifi uwwisa tajaajilaa dhiphaa waan qabaniif namoota waliigalchuufi sabqunnamtiif oolurratti of eeggannoo barbaadu.
📚Xiiloogaafi Waltina Afaanii : 26


