Biqiltuu jaalalaa Si yaada garaan koo Boqonnaa hin arganne An si… — Qaroo Waamaraa — TG.ME

Biqiltuu jaalalaa

Si yaada garaan koo
Boqonnaa hin arganne
An si qofaaf malee
Eenyuuf harkan laanne

🖤ko situ na mo'ate
Dhuunfatee keassa koo
Jaalalaan na qabdee
Rarraastem qalbii koo

Anis sittin dhiise
Yaada koo hundumaa
Kophaakoo yoon deemus
Waa'ee keen guungumaa

Biqiltuu jaalala koo
Margituu ganamaa
Hargansuuf tiruukoo
Durbee sanyii namaa

Takkaa cal hin jenne
Waa'ee keen hasaasa
Gubaa jaalala keetu
Guggube na kaasa

Ani siif mo'ameen
Siif laadhe harkaa koo
Koottu wal'aannadhu
Siif miidhamte onneenkoo

Kunooti caba yaadaa
Hawwii keessa onnee
Koottu na fayyifadhu
An waallee sin sobnee


Warqittiif💎🖤🌍
👇👇👇👇👇👇
♻️Join & 🔗SHARE
         Telegram
https://t.me/ForAllthingsEye
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa 💌
╚════════════╝
❤8👍2🥰1👏1
September 6, 2026 895 3