Qaroo Waamaraa: post #5709 — TG.ME

Gola dilbii seenaa


Onneekoo qabattee
Keessakoo dhuunfatta
Akka tasaatti seentee
Qaama koo to'atta

Anis siif bitameen
Jaalala keen qabame
Lubbuu ko jedheen
Jaalalaan si waame

Nama jabduu kooti ati
Gorsituu waan hundaa
Simbookoo bareedduu
Takkaan qabdu mudaa

Gaafa gadda kootii
Na waliin gadditee
Nama tokko miti
Nama hunda naaf taatee

Jaalatamtuu kiyya
Ibsituu karaa koo
Si waliin jiraadhaa
Siif kennee barakoo

Ani jedheef miti
Garuu Situ Beeka

♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
❤6