An dhabuu sodaadhe. Jaalatanii hin jaalatan, Jaalatanii hin yaadani… — Qaroo Waamaraa — TG.ME

An dhabuu sodaadhe.

Jaalatanii hin jaalatan,
Jaalatanii hin yaadani,
Onnee isaanii kennanii,
Ofii isaanii hin beekani

Ergan si jaaladhee
Akka si yaadun beeku
Halkan koo maqaa kee
Guyyaan koo Suura kee eegu

Si arguuf hawwa onneen
Si dhabuun na guba keessaa
Ati yoo na bira hin jiraanne
Nyaatalle natti hadheessa

Jaalalli koo callisee,
Qoma koo keessa iyya;
Sin jaaladha jechuu dhiisee
SI yaadeera Warqee kiyya

Ijaa
Ati na yaaddu moo,
Anis qofaan si yaadaa?
Yoo jaalallikoo cubbuu ta’e
Araara isaa naaf barbaadaa

Yoo guyyaan nu fageesse
Yoo daandiin adda nu baase
Yoo biyyi jibbee nu odeesse
Yaadni koo si biratti hafe

Onneenkoo maqaakee qabate
Sagal maqaa siif moggaasa
Lapheenkoo jiruukee dimatee
Natti lallaba nagaasaa

Jaalatanii hin jaalatan
Garuu ani si jaaladhe;
Jaalatanii hin yaadani
An dhabuu sodaadhe.


🖤,🌍,💎koo
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  💌
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
❤5🥰1
September 5, 2026 822