Urgaan kee na waama Akka daraaraa birraa Garuu si arguun na dhiba… — Qaroo Waamaraa — TG.ME

Urgaan kee na waama
Akka daraaraa birraa

Garuu si arguun na dhiba
Akka Simbirroo birraa

Diddee na jalaa dhokatte
Akka ji'a duumessaan dhokatee

Guyyaa hundaa si yaada
Halkan hawwii morkatee

Eenyutu addaan nu baasa?
Bubbeen maqaa kee naa himti

Hawwiitu garaa na raasa
Akkas jiraachuun kun in cimti

Onneen koo siif dha'ata
"Yoom wal argina laata?"

Akkas🙏

"Amma utuu..."
Utuun suma bira jiraadhee
Ija kee keessatti gammachuu koo arga ture.

Utuun sitti dhihaadhee
Dhiphina koo hundumaa dagadha ture.

Utuu wal arginee takkaa
Jaalalli keenya seenaa ta'a ture.

Ammas🙏

Garuu ammas Miti
Urgaa kee qofa yaada
Keessa kootti miixadha
Foolii kee qofa hawwee
Onnee kootti si baadha

Halkan hundan of gaafadha
Utuu si arguu danda'ee
Gaaffiikoo Si gaafadha
Utuu akka garaa naa ta'ee...

Kun Turuu danda'a

https://www.facebook.com/BIYYAA.YOO
https://t.me/ForAllthingsEye
🔥4❤3
September 4, 2026 558 2