Yoo ta'es, yoo hin taanes haa ta'u Bakakkaan Waaqaa dhufu callisee… — Qaroo Waamaraa — TG.ME

Yoo ta'es, yoo hin taanes
haa ta'u
Bakakkaan Waaqaa dhufu
callisee lafa hin dha'u
X-Y koordineetiinsaa
Dugda dacheetti caafame
Kanaaf dhukniif dirri lafaa
Sigigaatee ittuu raafame

Tasa,
Bakakkaan tasa hin bu'u!
Tasa,
Dhalataan tasa hin du'u!

Foormulaa nuti hin akeekne
Kaalkulasii nuti hin beekne
Jira jiruu keenya tiksaan
Qoreef horfaa nu miliqsaan

Uumaan bakakkaa qiimqimee
Gad darbatu
Anaaf si'iin, nama uumee
Haa jedhee hafuura hin sassatu

Dhibba* jala nu looseetu
Tokkoon obsa keenya qora
Akka Akkoo intala qimmiidduu
Kofa gidduu nu moccora

Tasa kan dhufe homtuu hin jiru,
Ona lafa keessaa ba'ee
Silaa, itti yaadanii ciisanii
Eentu iddoo yaades ga'ee
Tasa ka'uun namatti hafa
Tasa du'uun namatti hafa

Yabala abjuu keenyaa korree
Ammas geejibuuf geenyeerra.
Yaa uuma ati nuu yabali
Teessoo argannee teenyeerraa

Akka walii keenyaa
Nutti taatee karaatti gad nun harcaasin
Kan hidhiirra nun dhunganneef
Hirriba ho'aarraa nun kaasin
Waa bilaasha nun dhamaasin

Hirriba abjuu qabu taanaan Jira

Jetta Bartokko jetta
❤3🔥1🥰1👏1
September 5, 2026 750 1