GAAFA ATI RAKKOO KESSA JIRTU
******
Jireenya keessatti hiriyaa fi fira dhugaa Gaafa rakkattu Maal akka ta'an hubatta , eenyu hiriyaa dhugaatii fi , eenyutu fakkeesse na faana jiraacha ture Kan jadhu hubachuu Gaafa eegaltu Gaafa rakkoon si qabdeedha , yeroo san kessaatti ilmni nama warroottan dantaa isaanii qofaaf sitti dhiyaatan baqachuuu eegalan,
Rakkoon eenyutu firaa fi diinaa keeti addaan siif baasti ,rakkachuun yeroo tokko tokko eenyu akka taane nu boceeti darba malee bilaashii miti,
Hiriyaan dhugaa isa Gaafa Rakkooti malee ,isa Gaafa milkaa'ina keetii baga gammadde jadhee nama hunda duursee sitti dhufuu miti.
Nu wajjin jiraatanii kolfa keenya nu Waliin qooddataniif hiriyaa dhugaa jadhamanuun sirrii miti , hiriyyoonni dhugaa Gaafa manni kee gubachuu jalqabu ,eenyu akkaa gaazii ( banziila) Qabatee sitti dirmatuu fi eenyu akka bishaan qabate sitti dirmatu Gaafa san hubatta.
Gaaffiin Qaba.
Hiriyaa dhugaa yoo Qabattee, mee jacha tokkoon ibsi yoon siin jadhe maal jattaan?

2
1August 26, 2026 146