Qaroo Waamaraa: post #5587 — TG.ME

Yeroo kee yoo gatte,
Gatii ofiif si baasisa;
Ofii kee yoo tuffatte,
Yeroo si tuffachiisa

Kanaaf har'a ka'i,
Yeroo kee eegi
Ofii kee jaalladhu,
Gatii kee beeki

Yeroon kee jireenya kee
Jireenyi kees Yeroo kee
Isaantu siif Gatii keeti
Ijaarradhu Kabaja kee



Iddoo guddaatu si eegaa jira, Abdii hin kutiin mul'ata keessa keef haala mijeessi. Namni haala siif mijeessuu hin danda'u.
❤6🥰1👏1
August 25, 2026 417