Qaroo Waamaraa: post #5579 — TG.ME

Isheen nama jaalattu
Akooftee namaa laatti
Nama arguu dharraatu
Asaaftee nama waamti

Sagalee akka sinbiraa
Qalbii namaa qoraasu
Jechi isheen dubbattu
Garaa nama rooraasu

Dhukkuba iL-qabii koof
Maaluma naaf wayyaa?
Tarii utuun si argadhee
Qoricha keenan fayyaa!
❤9☃1👍1
August 23, 2026 1.9K 1 1