Amboo๐Ÿฅน๐Ÿ’”๐ŸŒณ Uummata kana jecha ittiin ibsitu dhabda. Miira keessaโ€ฆ โ€” ๐…๐ข๐ง๐Ÿ๐ข๐ง๐ง๐ž๐ž ๐๐ซ๐ž๐ฌ๐ฌ โ€” TG.ME

๐…๐ข๐ง๐Ÿ๐ข๐ง๐ง๐ž๐ž ๐๐ซ๐ž๐ฌ๐ฌILFINASH QANNOO akkuma dhaammatte AMBOTTI awwaalamuun taateewwan Tokkummaa Qabsoo Oromoof raawwataman gurguddoo sadan keessaa tokko taโ€™eera. 1) DHEERAA: Jeneraal Taaddasaa Birruu fa'aan Islaamaa - Kiristaana foon koma tokkoo nyaachisuu 2) SHINNIGGA: Magarsaaโ€ฆ
โœ… #Amboo๐Ÿฅน๐Ÿ’”๐ŸŒณ

Uummata kana jecha ittiin ibsitu dhabda. Miira keessa keetti dhagahamu dandeessees hin ibsattu. Ummatichi jechaa oli.

Amboo walgettii Maccaaf Tuulamaa- Qeyee Oromoo guutuun safeeffatu.

Burqaa goototaa fi hayyootaa- abdaarii ayyaantuwwanii

Hambaa lafee goototaa- icciitii qabsaawotaa qaalii

Qaanqee bilisummaa - Warra ganamaa, Warra Mogoritti xomboraa bilisummaa qabsiise

Warra bilisummaa Oromoo dursee owwaatu, warra gabrummaa fi gabroomuu garmalee tuffatu

Warra firaa gaachanaa, warra qareeyyiif ayyaanaa

Warra aanteef dhukkubsatu- warra diina irratti laboobu

Galaanaa qabsaawotaa warra kitaabnillee hin ibsine!

Warra kanatu warra keenya- warra kanatu kabaja nutti hore. Warra kanan gootni ni dhaadata. Warra kana gadheef gantuun ni baqata.

Amboo- Hambaa lafaa- Amboo- hambaa namaa

Namaa ol, lafaa ol- nuuf tolteetta! Ammas nuuf ooli๐Ÿ™

Kabajni harโ€™a haadha teenya Ilfinesh Qannoof taasifame- Ilfee teenya waan gitu- Amboo keenyas waan ibsu๐Ÿฅฐ.

~ ๐Ÿ—ฃยฉ Merid Tullu โœ๏ธ๐Ÿ™
โค2
September 8, 2026 363