Obbo Jawaar Ilfinesh Ambootti akka awwaalamtu dhaammachuun isheefiโ€ฆ โ€” ๐…๐ข๐ง๐Ÿ๐ข๐ง๐ง๐ž๐ž ๐๐ซ๐ž๐ฌ๐ฌ โ€” TG.ME

Obbo Jawaar Ilfinesh Ambootti akka awwaalamtu dhaammachuun isheefi akkuma dhaammattettis achitti awwaalamuun ishee tokkummaa Oromoo jabeessuu keessatti ergaa jabduu akka qabu kaasuun ibsan.

"ILFINASH QANNOO akkuma dhaammatte AMBOTTI awwaalamuun taateewwan Tokkummaa Qabsoo Oromoof raawwataman gurguddoo sadan keessaa tokko ta'eera.

1) DHEERAA: Jeneraal Taaddasaa Birruu fa'aan Islaamaa - Kiristaana foon koma tokkoo nyaachisuu

2) SHINNIGGA: Magarsaa Barii fa'aan amantiin gargar bahuu didanii waliin wareegamuu

3) AMBO: Ilfinash Qannoo qa'ee dhaloota ishii mannaa handhura Qabsoo tan taate Ambotti awwaalamuu filachuun," Infinesh hiika guddaa akka qabu himan.

Du'a Ilfinash irratti waan aanga'oonniifi namoonni beekamoon waan jedhan as keessaa ni argattu.

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://bbc.in/3UuPQfX
BBC News Afaan Oromoo
Sirni gaggeessaa reeffaa Wellistuu Ilfinash Qannoo rawwatamaa jira
Walllaggaa Bahaa naannoo Magaala Naqamteetti kan dhalaatte Ilfinesh Qannoo kun, umrii ijoollummaatiin gara qabsoo Oromootti makamte.
โค1
September 8, 2026 415