SIRNI AWWAALCHA ILFINASH QANNOO akkuma ishiin dhaammatte AMBOTTIโ€ฆ โ€” ๐…๐ข๐ง๐Ÿ๐ข๐ง๐ง๐ž๐ž ๐๐ซ๐ž๐ฌ๐ฌ โ€” TG.ME

SIRNI AWWAALCHA ILFINASH QANNOO akkuma ishiin dhaammatte AMBOTTI raaw'atama jedhameera
===========================

"Sirni awwaalcha Artistiifi qabsooftuu Ilfinash Qannoo guyyaa borii magaalaa Ambootti adeemsifama.

Haalota guyyaa borii:

Ganama obboroo saaโ€™atii 11-12-tti reeffi Hospitaala Kooriyaa irraa gara mana jireenya Ilfinash Qannoo Finfinnee naannoo Inqulaal Faabirikaatti ni geggeeffama (Birbirsa Gooroorraa yeroo dhuftan Mana Barumsaa Taaddasaa Birruu ol darbuun addabaabaayii Gommaa biratti gara harka bitaatti gortu)

Ganama saโ€™atii 12-1 tti, Reeffi mana jireenyaa irraa gara Istaadiyeemii Finfinneetti ni geggeeffama. (Saaโ€™aatii 1-3tti) Sirni geggeessaa guddaan Istaadiyeemii Finfinneetti ni taasifama. (Namuu akka hin hafne)

Saโ€™aatii 3 booda Imalli gara Ambootti ni taasifama. Jiraattonni Magaalota akka Buraayyuu, Manaagashaa, Holata, Ejeree, Giincii fi kkf karaatti eeguun geggeessaa gootaa akka gootan isniif dhaamna.?"

~ ยฉJawaar Mohammed โœ๏ธ
September 7, 2026 263 1